Xiinxala Barreeffama Barattoota Afaan Oromoo Kutaa 10ffaa Ija Barreeffama Ga’umsa Qabuutiin: Mana Barumsaa Saabbiyaan Sadarkaa 2ffaafi Qophaa’inaa Keessatti
dc.contributor.advisor | Dheeressaa, Dinqeessaa (PhD) | |
dc.contributor.author | Curruu, Muhammad | |
dc.date.accessioned | 2019-04-22T05:52:13Z | |
dc.date.accessioned | 2023-11-30T04:25:47Z | |
dc.date.available | 2019-04-22T05:52:13Z | |
dc.date.available | 2023-11-30T04:25:47Z | |
dc.date.issued | 2017-08 | |
dc.description.abstract | Kaayyoon guddaan qorannoo kanaa barreeffama barattootaa ija barreeffama ga‟umsa qabuutiin xiinxaluudhaafi dhumarratti hanqinaalee mul‟ataniif yaada furmaataa kaa‟uu dha. Bakki qorannoon kun itti gaggeeffame magaalaa Dirree dhawaa mana barumsaa saabbiyaan sadarkaa 2ffaafi qophaa‟ina keessatti. Galma ga‟iinsa qorannoo kanaatiif ragaaleen barbaachisaa ta‟an maddoota duraa barattootaafi barsiisota irraa tooftaalee af-gaaffifii bar-gaaffiitin akkasumas maddoota lammaffaa sakatta‟a dookumeentiitti gargaaramuudhaan funaanamee erga walitti qindaa‟een booda boqonnaa 4ffaakeessatti xiinxalameera. Haaluma kanaan bu‟aan ragaalee xiinxalaman irraa argame akka agarsiisutti seenduubee barattootaa jechuun gama itti fayyadama afaan maatii isaaniitiifi afaan jireenya hawaasummaa isaaniitiin walqabatee rakkoon barreeffama ga‟umsa qabu barreessuu irratti dhiibbaa godhu kan hin mul‟anne ta‟uu isaa, fedhii Afaan Oromootiin barreessuu barattoota keessa jiraatus hanqinni hubannoo jiraachuu isaa, barreeffama barattootaa irratti hordoffiin barsiisotaa hamma barbaadamu ta‟uu dhiisuu isaa, barreeffamni barattootaa qabatamaan yommuu xiinxalmu hanqinaalee akka qubeessuu, qub-guddeessaa, sirna tuqaalee, ijaarsa himaafi keeyyataa irrattiifi k.k.f hedduu kan qabu ta‟uu isaa bal‟inaan ibsameera. Hanqinni barreeffama ga‟umsa qabu barreessuu irratti barattootarratti mul‟atu kun barnoota isaanii irrattiifi namoota wajjiin waliigaltee isaan uuman irratti dhiibbaa guddaa kan fidu ta‟uu isaa nu hubachiisa jechuudha. Maddi hanqinaalee barreeffama ga‟umsa qabuu kan barattootarratti mul‟atan kanaa barattoonni seera barreeffamaa barnoota isaanii kan sad. 1ffaa keessatti addaan baafachuu dhabuu isaanii, barreefama Afaan Oromoo irratti xiyyeeffannoo dhabuu barattootaa, qophii kitaaba barataa barnoota Afaan Oromoo kutaa 10ffaa keessatti xiyyeeffannoo dhabuu gochaalee barressuu, hubannoo gahaa dhabuu barattootaa, hanqina yaaddeebii kennuu barsiisotaafi hanqina gochaalee barreessuuirratti xiyyeeffannoo dhabuu barattootaatiin kan argameedha. Qorannoo kana keessatti rakkoolee barreeffama ga‟umsa qabu barreessuu irratti barattootarratti mul‟atan furuuf qabxiileen qoratichaan kaa‟aman: Barattoonni barreeffama irratti shaakala walitti fufaa osoo taasisanii, barsiisonni hordoffii cimaa osoo godhanii, barsiisonni saayinsii barreessuu barattoota haalaan osoo hubachiisanii, qophii kitaaba barataa barnoota Afaan Oromoo keessatti gochaalee barreessuutiif osoo xiyyeeffanoon kennamee, qaamni dhimmi ilaallatu barsiisota manneen barnootaa sad.1ffaatti Afaan Oromoo barsiisaniif gama kanaan leenjiin gahaan osoo kenname kan jedhan akka furmaataatti ka‟aman kunniin osoo gara hojiitti hiikamanii bu‟aan barbaadamu ni argama jechuudhan kaa‟ameera. | en_US |
dc.identifier.uri | http://etd.aau.edu.et/handle/123456789/18085 | |
dc.language.iso | om-ET | en_US |
dc.publisher | Addis Ababa University | en_US |
dc.title | Xiinxala Barreeffama Barattoota Afaan Oromoo Kutaa 10ffaa Ija Barreeffama Ga’umsa Qabuutiin: Mana Barumsaa Saabbiyaan Sadarkaa 2ffaafi Qophaa’inaa Keessatti | en_US |
dc.type | Thesis | en_US |