Yunivarsiitii Addis Ababaa kolleejjii barnootaa fi qo’annoo afaanii, muummee afaan, ogbarruufi fookloorii oromoo
| dc.contributor.advisor | File Jaleta | |
| dc.contributor.author | Reba Debal | |
| dc.date.accessioned | 2026-03-16T11:12:00Z | |
| dc.date.available | 2026-03-16T11:12:00Z | |
| dc.date.issued | 2025-04-20 | |
| dc.description.abstract | Kaayyoon qorannoo kanaa walfakkeenyaafi garaagarummaa jeekkarsa Amanatii Waaqeffannaafi Qaalluu qaaccessuudha. Jeekkarsi amantii Waaqeffannaafi Qaalluu biratti kan beekamuudha. Haa ta’u malee kaayyoon amanticha lamaanii gargari. Iddoo lamaanittuu jeekkarsi waan jeekkaramuuf garaagarummaafi walfakkeenya isaan qaban adda baasuuf qorataa kan kakaasedha. Qorannoon kun malleen qorannoo akkamtaatti dhimma bahuun madda odeeffannoo tokkoffaarraa hawaasa Waaqeffattootaafi hordoftoota Qaalluu mala iddatteessuu akkayyoofi darbaa dabarsaatiin meeshaalee funaansa ragaalee akka: daawwannaa, af-gaaffiifi marii gareetiin ragaan funaanamee jechaan qindaa’ee qaacceffameera. Argannoon qorannichaa adeemsi jeekkarsa Amantii Waaqeffannaafi qaalluu jeekkaraadhaan qajeeluufi jalaa qabdootaan qajeelu qaba. Waaqeffannaa keessatti jeekkaraatuu yeroo xumuraa beeka. Yeroo tokko tokkommoo jalaa qabdootaatu jeekkarsa sanatti goolaba gochuu danda’a. Warra Qaalluu biratti garuu jeekkaraa qofatuu jeekkarsa sanatti xumura gochuu danda’a. Jeekkarsi faayidaalee akka: kadhataaf, barnootaaf, galataafi miira amantii uumuu qaba. Jeekkarsi Yoomessa dhaabbataa akka ganama galgala, guyyaafi halkan jeekkaramu yoo ta’u bakka akka iddoo Irreechaa (Malkaafi Tulluu) mana wadaajaa yoo ta’u kan warra Qaalluu ammoo, Galma Qaalluu keessattidha. Qabiyyeewwan Jeekkarsa Waaqeffannaa: olaantummaa waaqaa ibsuu, beekumsa, guddumaa, arjummaafi imaanaa waaqatti kennachuuf jeekkarama. Qaalluu birattis qabiyyeewwan kanaan ala bifa gabbarsuun jajuu waaqaa ofkeessaa qaba.jeekkarsi kun yeroo ammaa Waaqeffannaa biratti fooyyee qabaatus Qaalluu biratti dagatamaa jira. Yaboon qorannichaas hawaasni duudhaa Jeekkarsaa kana haalan kunuunfatee akka dhalootatti dabarsuuf dammaqina horachuu qaba. | |
| dc.identifier.uri | https://etd.aau.edu.et/handle/123456789/7996 | |
| dc.language.iso | Afaan Oromoo | |
| dc.publisher | Addis Ababa University | |
| dc.subject | Kaayyoon qorannoo kanaa walfakkeenyaafi garaagarummaa jeekkarsa Amanatii Waaqeffannaafi Qaalluu qaaccessuudha | |
| dc.title | Yunivarsiitii Addis Ababaa kolleejjii barnootaa fi qo’annoo afaanii, muummee afaan, ogbarruufi fookloorii oromoo | |
| dc.type | Thesis |