Xiinxala Sirna Barnootaa Mojulawaa Digirii Baachilarii: Haala Afaan Oromoofi Ogbarruu

No Thumbnail Available

Date

2018-06

Journal Title

Journal ISSN

Volume Title

Publisher

Addis Ababa University

Abstract

Kaayyoo gooroon qorannoo kanaa sirni barnootaa mojulawaa DBAO xiinxaluu yemmuu ta’u, warreen gooreen immoo: Barsiisonni muummichaa Kaayyoo haala dhiheenyaa mojulawaa ammam akka beekan addabaasuun ibsuu, haala qindoomina koorsiiwwanii sakatta’uun hanqina mul’atu agarsiisuu, Malli baruufi barsiisuu mojulichaa ammam gara hojiitti akka hiikamaa jiru xiinxaluun haqinoota mudataniif fala heeruu , Haalli barattootni ittiin madaalaman xiinxaluun rakkoo mudataniif fala heeruufi Sagantaan DBAO ammam akka bu’aqabeessa ta’e xiinxaluun milkaa’inaafi gufuu adda baasuudha. Qorannoo kana galmaan ga’uuf saxatni itti dhimma bahame sakatta’insaa yemmuu ta’u, ragaaleen kan xiinxalaman mala makaadhaan ibsaman. Kanaaf, qorannoon kun sakatta’insa ibsaa (descriptive survey)ti. Ragaaleen qorannoo kanaa inni jalqabaa, sakatta’insa dookimantii, bargaaffiifi mariigaree xiyyeeffannoo barattootaa, afgaaffii barsiisotaafi qopheessitoota sirna barnootaa irraa kan walitti qabameedha. Inni lammataa immoo, qajeelfamootaafi qorannoowwan dhimma kanarratti hojjataman sakatta’uuni. Malli iddatteessuu miticarraa yemmuu ta’u, akkayyoofi heerumsatti dhimma bahame. Ragaaleen qorannoo kanaa qaacceffaman akka agarsiisanitti: hubannoon barsiisonni sirna mojulawaa irratti qaban walbuusaa ta’uu, duraaduubni koorsii mijataa ta’uu dhabuu, malli baruufi barsiisuu kan barsiisota giddugaleeffatetti caaluu, qormaata walittifufinsa qabu malee madaalliin walitti fufinsa qabu dhabamuu, bilookiin barachuun qabxii barattootaa malee hubannoo cimsuu irratti laafaa ta’uun akka hanqinaatti kan mul’atu yemmuu ta’u, barattootni sirna kana keessatti ofiin barachuuf fedhii qabaachuu, haala walfakkaataan barachuuf haala mijessuu sirni moojulawaa mijaa’ummaa qabaachuudha. Akkasumas, eenyummaa barattootaa cimsuu irratti sagantaan kun qooda qabaachuun akka ciminaatti kan bira ga’ameedha. Hanqinoota heeraman furuuf, leenjiin hubannoo cimsu barsiisotaa kennamuun, ga’umsa barattootni mojularratti qaban safaruuf tooftaan qophaa’uu, bilookiin barsiisuuf haala walfakkaataan meeshaaleen barnootaa qophaa’uufi qindoomina koorsiiwwanii irradeebi’anii sakatta’uun barbaachisaa ta’uun yaada furmaataa heeramedha.

Description

Keywords

Citation