Qaaccessa Fayyadama Afaaniifi Adeemsa Koottu-Dhufee Wal-Dhabdee Abbaa Warraafi Haadha Warraa Gidduu Jiru Furuu Keesssatti

No Thumbnail Available

Date

2017-08

Journal Title

Journal ISSN

Volume Title

Publisher

Addis Ababa University

Abstract

Xiyyeeffannoon qorannoo kanaa qaacceesaa fayyadamaa afaaniifi adeemsa koottu dhufee waldhabdee abbaa manaafi haadha manaa furuf taa'amu kessatti haala Aanaa Kofalee yoo ta'u. Kayyoon qorannichi adeemsa koottu dhufeefi fayyadama AFaan Oromoo battala dubbii koottu dhufeetti jaarsonni akkamitti akka dhimma itti bayanituu qaacceffamee jira.Qorannoo kana keessatti akkatama walduraa duuba boqonnaalee qorannichaatiin Boqonnaa duraa ariirata keessatti haala walii gala fayyadama afaanii kan ibsuun eegalee yoo ta’u afaan jaarsonni battala dubbii koottu dhufeetti afaan dhimma itti bayan haasa idilee irraa gargar ta’uufi jaarsonni qofti battala dubbii koottu dhufee qofatti kan dhimma itti bayan ta’uu isaa irraa qorataaf ka'umsa ta,ee jira.,.Bu'uuruma qorannoo kanattiin qorataa iddattoota filachuun battala dubbii Aanaa kanaa Shanan irraa odeeffannootni karaa waraabbiitiin,daawwannaa,marii alidileefi yaadannoo dirreettiin funaannamaanii jiru raagaan funaanname qindeeffamee mala akkamtaatii qaacceffamee jira.Argannootni qorannoo kanaa immoo dubbiin ko ottudhufee kutaalee gurgurdoo afur baniinsa,dhama lamaan cokuu,kutaa gungumaafi murtii kennuu keessa darbuun namoota waldhaban lamaan kan araarfamu ta'uu.Afaan jaarsotn battala dubbii koottu dhufeetti dhimma itti bayaan haasa yeroo idilee irraa gara agara ta'u isaa; kunis haalli fayyadama jechootaa,gaaleewwanifi himoota isaan fayyada muun ergaa dabarfatan haasa idileen garaagara ta'uf hiika haala qabatama dubbii sana a irratti hundaa'uun kan argatan ta'u isatti.Kana malee jechootni haaraa battala dubbii koottu dhufeetti jaarsotni fayyadaman hedduun isa galmeewwan Afaan Oronoo irratti ka n dabalamanii hinjirre ta'uu isatti.Argannootni qorannoo kana kan biroo immoo gaheen afaan koottu dhufee keessatti qabu daran olaanaa ta'uu isaafi dubbiin koottu dhufeefia afaan gargar baasuun ilaaluun rakkisaa ta'uudha.Kana malee jechootni haalaa battala dubbii koottu dhufeetti jarsotni fayyadaman namoota dubbii koottu dhufee qoran malee namoota biro kan hin hirmaachisne ta'uu isaatti.Kanaafuu dubbiin kootuu dhufee adeem sa murta'aa keessa darbuun qisaasa yeroofi basii tokko malee nageenya namootaa egsis uu kessatti gaheen isaa cimaa ta'uu isaattiif jajjabeeffamuu akka qabu yoo ta'u;haala fayyadama Afaan battala dubbii koottu dhufee kana qorannotni birattis irratti taasifamee jechootni haaraanis galmee Afaan Oromoo irratti osoo dabalamee gaaridha.

Description

Keywords

Citation