Sakatta’a Walsimannaa Qabiyyeewwan Siilabasii Barnoota Afaan Oromoo Kutaa 1-4fi Dandeettii Barattootaa Gidduugaleessa Godhachuun.

No Thumbnail Available

Date

2017-08

Journal Title

Journal ISSN

Volume Title

Publisher

Addis Ababa University

Abstract

Kaayyoon gooroo qorannoo kanaa, walsimannaa qabiyyeewwan siilabasii barnoota Afaan Oromoo kutaa 1-4fi dandeettii barattootaa gidduugaleessa godhachuusaa sakatta’uudha. Qorannichis adeemsa raawwii adda addaa keessa kan darbedha. Bifuma kanaan odeeffannoon qorannoo kana keessatti madda ragaa ta’e, madda ragaa tokkoffaafi madda ragaa lammaffaati. Akka madda ragaa tokkoffaatti kan dhiyaate, sanada yookaan meeshaa barnoota sakatta’amu siilabasii barnoota Afaan Oromoo kutaa 1-4 jiruudha. .Akkasumasakka madda ragaa lammaffaatti kan dhiyaatan immoo, barsiisotaafi barattoota mana barumsa Abdiisaa Aagaa sadarkaa tokkoffaa kutaa 1-4 Fiichee daree Afaan Oromoo seenanii barsiisaniifi barataniidha. Akkasumas, ragaa daawwannaa dareerraa argamedha. Tooftaalee funaansa ragaalee kanneen akka, sakatta’a sanadaa, afgaaffiifi daawwannaa daree filachuun gaggeeffameera. Malli iddattoo qorannoo kanaas, mala iddatteessuu akkayyootti fayyadamuun gaggeeffameera. Bifuma kanaan qoratichi iddattoo barsiisotaa baay’ina dhiira afuriifi dhalaa sagal ida’ama kudha sadii keessaa barsiisota dhiiraa afuriifi barsiisota dhalaa sadii ida’ama torbaafi iddattoo dareewwan daawwatamanii baay’ina daree kudha sadii keessaa afur mana barumsa Abdiisaa Aagaa sadarkaa tokkoffaa kutaa 1-4 Fiichee keessatti argamu irratti xiyyeeffachuun adeemsifameera. Akkaataan xiinxala ragaalees mala akkamtaa ta’ee, yaada isaa ibsuun kan adeemsifameedha.. Qabxiiwwan argannoo qorannoo kanaas Qabiyyeewwan siilabasii barnoota Afaan Oromoo kutaa 1-4 jiru dandeettii barattootaa waliin hanga tokko kan walsimudha. Hanqinoonni qabiyyeewwan siilabasii barnoota Afaan Oromoo kutaa 1-4 keessatti mul’atan: tartiibaan dhiyaachuu dhiisuu qubeewwan (sagalee dubbii) Afaan Oromoo, qubeewwan (sagaleewwan dubbii) dubbachiiftuufi dubbifamaa Afaan Oromoo adda baasee dhiyeessuu dhiisuu, yaada dogoggora qubee haaraa uumuu jedhuufi dogoggora akkaataa sagaleesuu sagalee dubbii (qubeewwan) Afaan Oromoo jedhu fa’itu hubatama.Yaadni furmaataa qorannoo kanaas, Hayyoonni Oromoofi qaamni baratee, dhimma kanarratti hubannoofi fedhii qaban qorannoo gadifageenyaa osoo irratti gaggeessan gaariidha.Qubeen (sagaleen dubbii) Afaan Oromoo sammuu uummata Oromoo keessatti kan bocamee jiru tartiiba A, B, C, D, … Z jedhuudhaan waan ta’eef qopheessitoonni meeshaalee barnootaa waan kana xiyyeeffannoo keessa osoo galchanii sirreessan dansaadha.Hojiin sirna barnootaa waan hedduun waan walqabatuuf kaayyoon isaa yommuu jijjiiramu barumsa hawaasummaa, diinagdeefi siyaasa jiruun yookaan dhimma hawaasaafi tajaajila hawaasaa irratti hundaa’ee osoo qophaa’e dansaadha.

Description

Keywords

Citation