Xiinxala Hojiirra Oolmaa Tooftaawwan Waliin Dubbii Caasluga Afaan Oromoo Barsiisuu Mana Barumsaa Ifaa Sadarkaa Lammaffaa Kutaa Saglaffaa

No Thumbnail Available

Date

2016-07

Journal Title

Journal ISSN

Volume Title

Publisher

Addis Ababa University

Abstract

Barattoonni hedduun sadarkaa lammafaatti kutaa sagalaffaa Afaan Oromoo baratan caasaa yookin seerluga Afaanichaatti fayyadamuudhaan of ibsuurratti rakkoo qabu. Sababoonni ijoo ta‟uu malan jedhamanii fudhatamanis dhiibbaa tooftaan barnoota afaanii isa barmootaa, hanqina hubannoo yookiin kaka‟umsa barsiisonni kutaa kana barsiisaniifi akka waliigalaatti hanqina beekkumsa gadifagoo barsiisonni maalummaa, caacculee akkasumas adeemsa barnoota waliin dubbii seerlugaarratti qabaniidha jedhameeti yaadama. Kanaafuu, kaayyoon qorannoo kanaa hojiirra oolmaa tooftaa barnoota waliin dubbii seerluga Afaan Oromoo xiinxaluudha. Qorannoo kana gaggeessuuf qorataan saxaxa ibsaatti fayyadameera. Saxaxa ibsaa keessaa ammo, mala akkamtaafi ammamtaatti kan fayyadame yoo ta‟u, sababoonni akkamtaafi ammamtaatti fayyadameef ammo, qorannoo kana caalaatti qabatamaa taasisuuf jechaafi lakkoofsaan odeeffannoo waan funaannateefidha. Kana jechuun ammo, qoratichi mala qorannoo makaatti fayyadame jechuudha. Bu‟aan argame akka agarsiisutti, adeemsichi guutumaa guutuutti jechuun ni danda‟ama, kan barsiisaa giddu galeessa godhateedha: carraan seerlugichaa haala dalaga gochoota adda addaatti dalaguu hin jiru; kaka‟umsi yookin si‟aayinni barattoonni hiika caasichaa argachuuf itti carraaqan hin jiru; haalli barattoonni ergaa waliigalaa isaan hawaasa keessatti jiruufi jireenya isaanii keessatti isaan muudatu kutaatti calaqqisu baayyee gadi aanaadha; hojiileen kutaa adda addaa kan barsiisaadhaan qofa dalagamaniidha.Kana malees, haalli gilgaalonni adda addaa kitaaba barataatiin ala ta‟an itti dalagaman, itti fayyadamni meeshaalee gargaarsa barnootaa baayyee muraasa. Hanqina leenjii barsiisonni jijjiirama tooftaalee barnoota afaaniirratti argachuu qabanirraa kan ka‟e, kaka‟umsi isaan qaban kan haalaan seerota tooftichaa hayyuuleen lallabaniin walsimatu miti

Description

Keywords

Afaan Oromoo Barsiisuu

Citation