XIINXALA RAAWWIIFI FAKKOOMMII SIRNA KABAJA AYYAANA MASQALAA GODINA SHAWAA LIXAA AANAA ABUUNAA GINDABARAT
No Thumbnail Available
Date
2018-08
Authors
Journal Title
Journal ISSN
Volume Title
Publisher
Addis Ababa University
Abstract
Mata dureen qorannoo kanaa xiinxala raawwiifi fakkoommii sirna kabaja ayyaana masqalaa
Aanaa Abuunaa Gindabarat kan jedhudha. Kanaaf kaayyoon qorannoo kanaa adeemsa
raawwiifi fakkoommii sirna kabaja ayyaana masqalaa Aanaa Abuunaa Gindabarat
qaaccessuudha. Malli qorannoo kun itti gargaarame mala qorannoo akkamtaattidha. Malli
iddattoo qorannoo kanas mala iddeetteessuu miti-carraa jalaa mala akkayyoofi darbaa
dabarsiitti dhimma bahameera. Dhimmoota mata duree kanaan wal qabatan xiinxaluuf
kitaabooleefi toora interneetii irraa qabxiileen ijoon sakatta’amaniiru. Adeemsi ragaa ittiin
funaanname afgaaffiifi marii gareen jaarsoolii akka Aanaa Abuunaa Gindabaratitti
beekamaa ta’an irraa funaannameera. Akkasumas daawwannaa yeroo sirni kabaja ayyaana
masqalaa kun raawwatu irratti argamuun daawwachuun suuraafi yaaddannoo barreeffamaa
qabachuun ragaan funaannameera. Ragaaleen qorannichaa yaaxinoota garagaraan
deeggaramuudhaan qaaccessamaniiru. Kunis ragaalee daawwannaa, afgaaffiifi marii
gareen argaman akkaataa walfakkeenya isaaniitiin walitti fiduunfi qindeessuun ibsuun haalli
sirna raawwiifi fakkoommii sirna kabaja ayyaana masqalaa keessatti itti dhimma bahaman
isaan kam akka ta’an adda bahaniiru. Adeemsa kana hordofuun bu’aan/argannoon
qorannoo kanaan argaman/bira gahamanii: raawwiin sirna ayyaana masqalaa akkuma
duudhaalee hawaasa biroo yeroofi safuu eegee kan raawwatu ta’uu, haalduree ayyaana
kanaarratti raawwataman kanneen akka Iyyoolee sirbuu, dhaabaa dhaabuu, Ateetee
facaaffannaafi Jabaa gubuu hunduu raawwateera. Akkasumas guyyaa ayyaaneffannaa
ayyaanichaarratti immoo sirni muudaa, ibsaa gubuu, hadaa alanfatanii tuttufuu, daaraa
adda xuqqisiisuu, ingiccaa gubuufi faradoo gugsuutu raawwateera. Dhumarrattis masqalli
darbee guyyaa sadi bulee sirni shananii masqalaa raawwateera. Kunis mana Abbaa
abdaariitti kan raawwatudha. Walumaagalatti sirni kabaja ayyaana kanaafi fakkoommii
sirnicharratti raawwatu hundi hariiroo hawaasa diinagdeefi falaasama hawaasichaa
guddisuuf, duudhaa hawaasaa kunuunsuuf gahee olaanaa waan qabuuf, osoo qaamni fedhii
dhimma kana qorachuuf qabu, wajjirri Aadaafi Turzimii, Qorattoonni aadaafi hayoonni
garagaraa gadfageenyaan qoratanii bifa barreeffaman taa’ee gaarii ta’a
Description
Keywords
AYYAANA MASQALAA