Waallee Dubbii Ijaarsa Eenyummaa Keessatti: Qaaccessafayyadama Afaaniihordoftootaqaalluu Duumessaa

No Thumbnail Available

Date

2019-08

Journal Title

Journal ISSN

Volume Title

Publisher

Addis Ababa University

Abstract

Qorannoon kun “Waallee Dubbii Ijaarsa Eenyummaa Keessatti Qaaccessa Fayyadama Afaanii Hordoftoota Qaalluu Duumessaa” kan jedhu yoo ta‟u, kaayyoon qorannaa kanaaas waallee dubbii ijaarsa eenyummaa keessatti fayyadama afaanii Qaalluu Duumessaafi hordoftootaa qaaccessuu kan jedhu ta‟a. Haaluma kanaanqorataan kunis daangaa weedduufi himtee (dubbii Waaqaa) Qaalluu Duumessaa taasisuun, waallee dubbii ijaarsa eenyummaa amantootaa haala fayyadama afaanii irratti mala akkamtaatti dhimma bahuun ibsamee jira. Meeshaalee funaansa ragaa keessaa immoo kan kaayyoo qorannoo kanaa galmaan gaha jedhamee yaadame waraabbiisagalee, daawwannaafi afgaaffiittidhimma bahamee jira. Ragaaleen weedduu Qaalluu Duumessaafi himtee(dubbii Waaqaa) Ayyaantuurraa waraabbii sagaleetiin argame of eeggannoon gara barreeffamaatti deebisuun qindeeffamee qaaccessameera.Argannoo qoratichaas, fayyadamni afaanii hordoftoota Qaalluu Duumessaa agarsiisu kallattii garaagaraan mul‟atanii jiru.Isaanis: Fayyadamni afaanii kadhannaan amantootaan gaggeeffamu akka fala rakkoo tokkoof furmaata ta‟utti fudhatamuun hubatamee jira.Jechamoonnifi malleen dubbii weedduuwwan Qaalluu Duumessaa keessatti dhimmi itti bahaman kan humana qabaniifi ergaa dachaa of kessaaqaban waan ta‟eef, guddina aadaa, duudhaafi ogbarruu Oromoofgumaacha guddaa taasisuun hubatameera., Fayyadamni afaanii warra qaalluu Duumessaa keessatti mul‟atu walitti dhufeenya amantootaafi amantii kan ijaaruufi cimsu ta‟uu hubatameera. Fayyadamni afaanii eenyummaa amantootaa ibsan namummaa namootaaf kabaja kan kennaan; walitti dhufeenya amantootaafi amantii kan dagaagsan; ulfina waaqayyoofi qaalluu kan ibsan;tokkummaafi walqixxummaa namootaa kan agarsiisaniifi barsiisan, namoota gaddarraa, sodarraa, dhiphuufi kan kana fakkaatan irraa kan boqochiisaniifi waan gaariifi tasgabbii kennuuf kan keessatti uumaan, safuu amantootaafi amantii kan eegan achi keessatti argamuun qorannoo kanaan bira gahameera.Yaboon qorataan kun kaa‟uus fayyadamni afaanii warra qaalluu kanaa guddina ogbarruu Oromoofi walitti dhufeenya uummattootaa keessatti gahee olaanaa waan qabuuf qaamni dhimmi ilaalu hundi deeggarsa barbaachisaa ta‟e gochuufii qabaan dhaamsa qoraticha kanaati.Dabalataanis, walaloon dalaga warra qaalluu Duumessaafi himteen (dubbiin Waaqaa) barreessitootaan bifa ammayyaan galmaa‟ee qabiyyee barnootaa keessatti hammatamuu qabaan dhaamsa qorataan dhumarratti kaa‟udha.

Description

Keywords

Citation