Raawwii Sirna Kabaja Siinqee Aadaa Ummataa Oromoo Godina Arsii Aanaa Martii
No Thumbnail Available
Date
2021-11
Authors
Journal Title
Journal ISSN
Volume Title
Publisher
Addis Ababa University
Abstract
Qorannoon kun qaaceessa kabaja raawwii sirna siinqee Aadaa Ummata Oromoo Godina Arsii Aanaa
Martiirratti kan adeemsifamee dha.Kaayyoon Qorannoo Kanaa Raawwii Sirna Kabajaa Siinqee
Godinaa Arsii Aanaa Martii Keessattii Qabuu Qaacceessuudha. Ka‟uumsi qorannoo kanaa immoo
aadaan kun badaa waan deemeef akka inni hin banneef jajjabeessuu fi aadiichi akka bakkattii deebii‟uu
tsaasiisuuf. Qorannoo kana adeemsiisuu gosoota qorannoo jiran keessaa dhimmi kan bahaamee mala
qorannoo akkamtaa.Qorannoon kun boqonnaa shan kan qabu yoota‟uu boqonnoota tokko tokkoo
boqonna jalatti wantootii barbaachiisan tarreeffaman jiru.Maddi ragaa qorannoo kanaas madda ragaa
tokkoffaa lamaffaa ti.Maddi ragaa kunis odeeffanno maanguddootaa fi hawwaan dhimma kana irratti
beekumsa qabanii fi hojjattoota Waajjira aadaa fi Turuziimii ture.Eddattoon qorattuun tun dhimma itti
baate mala eddattoo mijataafi akkayyoo yoo ta‟u, meeshaaleen funaansa ragaa itti fayyadamte Af-
gaaffii,Bar-gaaffii dawwaanaafi maree garee ti. Qorannoon kun argannoowwan armaan gadii bira
gaheera. Sirni kabaja Aadaa siinqee Aadaa Oromoo Arsii biratti wal kabajuu, kabaja deettuu, kabaja
dubartii Ulfaa , Kabaja Haadhaa wayyooma siinqeen nagaa busuu, Waaqa waliin aaraaramu,mirgaa
dubartootaa,yeroo itti kabajamuu,yoo loollii hamaanjiratuu,yoo hoongeen jiratuu,hirmaattootaa sirna
raawwii kabajaa siinqeefi siinqeen yeroo ammaa maalii irraa akka jiru argannoo qorannoo kanatiin
adda bahaniiruu.Sirni kabaja siinqee yoomeessaa fi adeemsa ittiin raawwatamu kan qabuu ta‟uu. Yeroo
ammaa kana sirna kabaja siinqee akka duriitti gaggeeffamaa akka hin jirre bira gahaamera. Yaadni
akka furmaataa tti lafa ka‟aames sirni siinqee faaydaa guddaa waan qabuuf namootni aadaan kun akka
hin banneef osoo eeganii gaarii dha. Raawwiin kabajaa siinqee dhimmootaa adda addaa keessattii
gahee olaanaa waan qabuuf waajjirrii aadaafi turuziimii aanaa martii aadaan kun akka hin harcaanee
cimnaan irrattii hojjachuu qaba.Akkasumas Jijjiramaa fi badiinsa sirna aadaa siinqee irratti dhufu
kana haanbiisuuf Waajjirri aadaa fi turuzimii Aanichaa dhimma aadaa kana irratti hubannoo kennuun
osoo kunuunsanii gaarii dha.