Xiinxala Laguu Fi Bakka Buusa Isaa Xiyyeeffannoon: Godina Arsii Aanaa Gunaatti.
dc.contributor.advisor | Amaanu‟eel Alemayehu (PhD) | |
dc.contributor.author | Nuuraddiin Kadiir | |
dc.date.accessioned | 2024-01-29T08:03:59Z | |
dc.date.available | 2024-01-29T08:03:59Z | |
dc.date.issued | 2021-01 | |
dc.description.abstract | Haasaa tokko keessatti walii galteen bifa barbaadameen fi miidhagaa taheen adeemsifamuudhaaf haasaa haasofnu keessatti itti fayyadamni jechootaa, himootaa, gaalewwanii akkasumas gochaan nuti qaama keenyaan mul‟ifnu hundi isaaniituu murteessoodha. Haasaa haasofnu keessatti wantoota kanneeniif xiyyeeffannoo hin kennine taanaan qaamni haasaa gaggeessuufi dhaggeeffatu carraan isaan ittiin walii galuudhaan haasaa miidhagaa gaggeessan laafaadha.Wantoota haasaa keessatti dhiibbaa fidan keessaayis inni tokko akkaataa itti fayyadama jechoota laguuti. Jechoonni laguu kunniin jechoota hawaasa keessatti akka hin dubbatamne lagatamaniidha Jechootni laguu tahan kunniinis yoo dubbataman kan nama saalfachiisan, sodaachisan ykn rifachiisan kan tahaniidha jechoota sanniin waamuufis Oromoon jechoota birootti cinaa qabuudhaan akka guddaa namaa hin saalfachiinetti ykn hin sodaachifnetti itti fayyadama. Jechoonni kunniinis jechoota lagannaa ykn bakka buusa (euphemism) jedhamu. Inni biraa laguu gochaati, laguun gochaa gocha akka hin raawwatamne barbaadamu yommuu tahu gochoonni kunneen kan raawwataman yoo tahe uunamarratti dhiibbaa fiduu danda‟u. qorannoo kana gaggeessuufis malleen qorannoo jiran keessaa gosa qorannoo qulqulleeffataatti dhimmi bahamuun meeshaalee qorannoo akka af gaaffii, daawwannaafi sakattaan dookmantii taasifameera. Odeeffannoon meeshaalee qorannootiin funaanaman hundisaaniis walitti qabamuudhaan qaacceffamaaniiru. Kanaaf qorannoon kun akka aanaa Gunaatti kanneen laguu tahan kan gochaafi jechaa funaanuudhaan , sababa lagatamaniif akkasumas bakka buusni isaanii maal akka ta‟an kxiinxaleera. | |
dc.identifier.uri | https://etd.aau.edu.et/handle/123456789/1472 | |
dc.language.iso | or | |
dc.publisher | Addis Ababa University | |
dc.title | Xiinxala Laguu Fi Bakka Buusa Isaa Xiyyeeffannoon: Godina Arsii Aanaa Gunaatti. | |
dc.type | Thesis |