Qaaccessa Meeshaalee Aadaa Buqqee Hadhaa’aa, Migiraafi Supheerraa Hojjeetaman: Kan Godina Shawaa Dhiihaa Aanaa Iluu Galaa

No Thumbnail Available

Date

2017-08

Journal Title

Journal ISSN

Volume Title

Publisher

Addis Ababa University

Abstract

Kaayyoon gooroon qorannoo kanaa meeshaalee aadaa buqqee hadhaa’aa, migiraafi supheeraa Godina Shawaa Dhihaa Aanaa Iluu Galaanitti hojjeetaman qaacceessuudha. Kaayyoo qorannoo kanaa fiixaan baasuuf barruuleen mata duree kanaan hidhata qaban kan sakattaa’amaniifi yaaxinaalee qorannoo kanaan deegaramuun kan dhiyaatedha. Malli qorannichaas mala qulqullaa’aa (qualitative research) yoo ta’u, tooftaalee iddatteessu mala akkaayyoofi iyyaafannootti fayyadamte. Meeshaaleen funaansa ragaalee af-gaaffiifi daawwannaa yoo ta’an, ragaalee kana funaanuuf meeshaaleen oolan, viidiyoo, kaameeraa, moobaayiliifi yaadannoo barreessuudhaa madda ragaa duraarraa walitti qabameera. Ragaalee adeemsa kanaan argaman: meeshaaleen aadaa buqqee hadhaa’aa, migiraafi supheerraa hojjeetaman kan tarreeffamaniifi qooda fudhatoonni hojiichaa enyuu faa akka ta’an ibsameera. Tajaajila meeshaaleen aadaa kun hawaasichaaf qaban, hawaasichii beekumsa ogeeyyii meeshaalee aadaa sadeeniifi meeshaalee isaanii akka itti hubatu mul’ateera. Afoolli meeshaaalee aadaa kanaan walqabatanis hiikni kan itti kennameefi jijjiirramni meeshaalee aadaa kanneen irratti mul’atu kan meeshaa ammayyaatiin bakka bu’ame ta’uu, kan hojiifi tajaajilli isaanii irraanfatameefi kan dur hawaasichaa biraatti hin beekamne mi’a qoodaa hawaasichaa ta’uun qorannoo kanaan mul’ateera. Yaanni furmaata barbaadu qorannoo kanaa keessaatti mul’ate, ogeeyyii meeshaalee aadaa sadeenii meeshaa hojjeetan bakka itti gurguratan kan hin qabane yoo ta’u bulchiinsi aanaa bakka itti bu’aa hojii harka isaanii gurguratan qopheesse. Ogeeyyiin suphee ammoo biyyee hojii kanaaf oolu nama dhuunfaarraa bituun kun akka rakkootti waan bal’atee argameera. Namoota abba qabiyyee marisiisuun waajjiirri qonnaa aanichaa furmaata kennee. Meeshaaleen aadaa dur hojjeetamaa turan kan amma dagataman walitti qabamanii dhaloota itti aanuuf dabarfamani. Sababa qorichi farra aramaa tibba Birraafi Arfaasaa biifamuuf buqqee hadhaa’aafi migirri badaa jira. Ogeeyyiin qonnaa aanichaa hawaasa barsiisuun qabeenya uumama kana osoo badii jalaa baasani. Qorannoon meeshaalee aadaarratti adeemsifamuu akka qabuufi sababa amantaatiin weedduun cidhaa meeshaalee aadaatiin walqabatan tajaajila kennaa kan hinjirre ta’uudha. Kanaan walqabatee, jechoonni afoola kanaan walqabatan dhiibamaa jiru. Jechoonni kun badii jalaa akka baraaraman ta’ee yaadota jedhutu qorannoo kanaan eerrame.

Description

Keywords

Citation