Xiinxala Jijjiirraa Asoosama “Warraaqsa Beeyladootaa”
No Thumbnail Available
Date
2017-08
Authors
Journal Title
Journal ISSN
Volume Title
Publisher
Addis Ababa University
Abstract
Qorannoon kun jijjiirraa asoosama “Warraaqsa Beeyladootaa” xiinxalaluu irratti
kan xiyyeeffatuu yommuu ta’u, mata duree kanarratti qorannoo geggeessuuf
wantootni qorataa kakaasan: tokkoffaa kitaabni afaan maddaa(Animal Farm) jedhu
akka addunyaatti beekamaafi dubbistoota hedduudhaan jaallatamee bara 1945-
1975(ALA) tti qofa yeroo soddomii shan(35) kan maxxanfame ta’ee utuu jiruu, Afaan
Oromootiin immoo erga bara 2004(ALH) maxxanfamee hanga yoonaaatti osoo irra
deebiin hinmaxxanfamin turuu isaati. Kana malees, kitaabichi mana dubbisa
kitaabaa qorataan irraa barsiisaa jiru keessatti kan argamu ta’ee osoo jiruu
barsiisotni afaanii mana barumsaa sanaa kitaabicha madaqsanii ogummaa afaanii
yeroo ittiin barsiisan qorataan arguu dhabuu isaati. Kanaafuu, kaayyoon
qorannichaa jijjiirraa Asoosama “Warraaqsa Beeyladootaa” ulaagaa jijjiirraa
gaariitiin maal akka fakkaatu xinxaluudha. Gabbina qorannichaaf kitaabileen garaa
garaa jijjiirraan walqabataniifi toorri marsariitii sakatta’ameera. Barruun walfakkiis
sakatta’amee dhihaateera. Milkaa’insa qorannichaaf immoo mala qorannoo makaatu
hojiirra oole. Odeeffannoonis mala sakatta’a dookumeentii, afgaaffiifi
bargaaffiidhaan guuramee xiinxalli irratti geggeeffame. Kanarraas, hanqinootni
iftoominaafi walsimuu dhabuu jechootaafi himootaa, tokko tokko akka jiran, jijjiraan
jechoota Afaan Oromoo dhiisee, kan Afaan Amaaraa baay’inaan ergifatee akka
fayyadame, jechoota kallattii dhiisee hiika galumsatti baay’inaan akka gargarame,
irradeddeebii jechootaafi himootaa, dogoggoorri qubeesssuufi sirna tuqaalee akka
jiran adda baheera. Kana malees, jijjiiraan yaada afaan maddaa kan haqeefi
haarawaa itti dabale akka qabu adda baheera. Kanarratti hundaa’uun, qorataan
yaboo dhiheessee jira: Jijjiiraan kitaaba Warraaqsa beeyladootaa jechootaafi
himoota iftoomina hinqabne, kanneen yaada afaan maddaa keessaan walhinsimne,
aadaa hawaasa Oromoo faana hindeemne, irra deddeebii kanneen qaban, dogoggora
sirna tuqaaleefi qubeessuu qaban keessa deebi’ee ilaaluun fooyyessuu akka qabu,
jechoota utuu Afaan Oromoon bakka bu’uu danda’anii Afaan Amaaraan bakka
buufaman ilaaluun fooyyessuu qabu, gara fuulduraatti jijjiirraa kan hojjetu yoo ta’e,
maxxansuun dura ogeessota afaanii gulaalchisuu qabu. Guddina jijjiirraa Afaan
Oromoo milkeessuuf jijjiirtotni (translators) dandeettiifi ulaagaa isaan irraa
eegamuufi saayinsii Afaan Oromoo sirriitti beekuu qabu. Biiroon Aadaafi Turiizimii
Oromiyaa(BATO) barreessitootaafi namoota jijjiirraa dalaganiif yoo xiqqaate
waggaa keessaa yeroo tokko leenjii kennuu qaba. Muummeewwan Afaan Oromoo
Yuunivarsiitiifi Kolleejjii garaa garaa keessa jiran saayinsii jijjiirraa kan yeroo
kamii caalaa xiyyeffannaa guddaan barsiisuu qabu. Koreen Waaltina Afaan Oromoo
maxxansawwan afaan alagaa garaagaraa yeroo yeroon hordofanii dubbisuun
jechoota Afaan Oromoo keessa hinjirreef moggaasa kennaa deemuu qabu