“Sakkata‟A Afoolan Afaan Barsiisuu Kitaaba Barnoota Afaan Oromoo Kutaa 11ffaafi Kutaa 12ffaa”

No Thumbnail Available

Date

2021-09

Journal Title

Journal ISSN

Volume Title

Publisher

Addis Ababa University

Abstract

Qorannoon kun boqonnaalee shan kan of keessaa qabu yoo ta’u, boqonnaa tokko seensa, boqonnaan lama, sakatta’a barruuwwanii, boqonnaan sadi malleen qorannoo, boqonnaan afur, qaaccessa ragaaleefi boqonnaan shan guduunfaa, argannoofi yaboo kan of keessaa qabaniidha.Kaayyoo gooroon qorannoo kanaa sakkata’a afoolaan afaan barsiisuu kitaaba barnoota afaan Oromoo kitaaba barnoota kutaa 11ffaafi kutaa 12ffaa irratti kan xiyyeeffatudha. Qorannoon kun kaayyoo irratti hundaa’e qorannoo bu’uurati. Sababni isaas kaayyoo qorannoo kanaa yaaxina waa’ee afoolaafi haala itti afaan barsiifamu kan keessatti ibsamu waan qaaccessituudha.Haaluma kanaan yaadrimee maalummaa afoolaa, amaloota afoolaa, faayidaa afoolaa, maalumma afaani, faayidaa afoolan afaan barsiisun qabu fi kkf kan keessatti ibsamu waan ta’eef qorattuun qorannoo bu’uurati akka qorattu murtessittetti .Mala /haala dhiyeenyaan immoo qorannoon kun qorannoo mala ibsituun kan dhiyaatedha.Sababni isaas qorattuun malli ittin ragaa dhiyeessitu mala ibsituun tokkoon tokkoon qabiyyewwan kitaaba qorannoof filatamee, gilgaalotaaf shaakalawwan kitaabichaa bifa ibsituun kan dhiyeeffamudha. Malli xiinxala ragaalee qorannoo kanaa, xiinxaala yaadrimee/akkamtaadha.Sababni isaas waa’ee afoolaafi afaanii dhimmoonni qorannoo kanaan walqabatan hundi lakkofsaan osoo hin taane yaadani waan ta’eef akkamtaa/yaadrimee ta’e.

Description

Keywords

Citation