Xiinxala Bifiyyeefi Qabiyyee Tabaallii Oromoo: Godinawallagga Bahaaaanaa Kiiramuu Irratti Kan Xiyyeeffate

No Thumbnail Available

Date

2018-08

Journal Title

Journal ISSN

Volume Title

Publisher

Addis Ababa University

Abstract

Qorannoon kun Mataduree xiinxala bifiyyeefi qabiyyee tabaallii Oromoo jedhu irratti Darajjee Fufaa Dabaliin kan hojjetame yoo ta’u,kaayyoon qorannoo kanaas bifiyyeefi qabiyyee afwalaloo tabaallii Oromooxiinxaluun ibsuudha. Ka’umsi qorataan gosa afoolaa kana qorateefis, afoolichi xiyyeeffannaa dhabee gara dagatamuuttideemaa kan jiru ta’uu isaa irraa kan ka’edha.Kanaafuu,qorataan gosti afoolaa kun yoo qoratame sirna barnootaa keessattihammatamuun barattootni waan hawaasa keessatti beekan irraa ka’anii dandeettii walaloo kalaquu guddifachuufbashannanaa ittiin barachuufiyaada isaaniis karaa adda addaatiin ibsuu akka danda’an gargaaruufakkasumas, seenaa, aadaa, safuufi falaasama Oromooduraan tureefi kan amma jiru wal bira qabanii madaaluun ilaalcha hawaasichaaakka hubatan nigargaara yaada jedhu irraa ka’uun afoolicha qorateera.Kaayyoo kana galmaan ga’uufis, qoratan mala qorannoo akkamtaakangargaarameyoota’u, meeshaalee ragaa sassaabbii keessaa afgaaffii, marii garee, sakatta’a dookimentiifidaawwannaa yoomessa qindaawaa gargaarameera. Kunis,qorannoo aadaa hawaasaa keessatti odeeffannoo gahaa iyyaafatanii sassaabbachuun jechootaan hiikuuf malli akkamtaafi meeshaaleen kunniin mijaawoowaan ta’aniifi. Daawwannaanyoomessaqindaawaas kan barbaachiseef, waltajjiin tabaalliif jedhamee qofaatti qophaa’u waan hinjirreef miira dalagaafi hirmaattota irratti yeroo afoolichi dhiyaatu mul’atudaawwachuun ragaalee afgaaffiifi meeshaalee birootiin argachuun hindanda’amne sassaabbachuufkan isa gargaaru ta’uu isaatti qorataan waan amaneefi.Qorataan iddattoo odeeffannoo isaa filachuufgosoota iddatteessuu keessaa iddatteessuu miti carraa jala tooftaa filannaa iddattoo darbaa dabarsaa gargaarameera.Kunis, tabaalliin ogummaa afwalaloo kalaquu irratti xiyyeeffatewaan ta’eef, namoota ogummaa gosa afwalaloo kana kalaquuqaban argachuuf mala iddatteessuu kanaan iyyaafachuun iddattoo isaa argachuuf tooftaa filatamaa waan ta’eefi.Qorataan xiinxala bifiyyeefi qabiyyee tabaallii irratti gaggeesseenafoolli kun haala (style) waliin dubbii, bifa seenessuu, bifa himamsaafihaala ofiin dubbii fakkatuun kalaqamee kan dhiyaatu yoota’u, ergaa tokko dhaamuufisifatti yookaan akaakuwwan sadoommii kan akka nameessuu,iddeessuu,habalaka, tuqseefi akkasaatiinda’oo godhachuutiin ergaa bal’aafi gad fagoo ta’e kan dabarsuta’uun isaa qulqullaa’eera. Qabiyyeen tabaallii Oromoos aanaa Kiiramuus iddoo gurguddaatti yeroo cuunfamu dhimmoota hawaasummaa,dinagdee,siyaasaa, aadaa,ilaalchaafi falaasama hawaasa Oromooibsuu, barsiisuufi dabarsuu irratti kan xiyyeeffate ta’uun isaa bira gahameera.Kana malees, afoolli kunhaala yeroo ammaa irra jiruun kan itti fufu yoo ta’e garadagatamuutti deemuu kan danda’u ta’uun isaa xiinxalamee kana irraa baraaruuf immoo, hojiin hubannoon uumuufi afoolicha qorachuun galmeessanii kaa’uunfala tokko ta’uu akka danda’u kaa’ameera

Description

Keywords

Citation