Qaacceessa Asoosamoota Afaan Qawwee Jalattiifi Galfata Ija Yaaxina Bifiyyeetiin
No Thumbnail Available
Date
2017-08
Authors
Journal Title
Journal ISSN
Volume Title
Publisher
Addis Ababa University
Abstract
Asoosamni daawwiitii addunyaa dhalli namaa keessatti ofilaaluudha. Asoosama keessatti
barreessaan addunyaa mataa isaa uumee keessatti namfakkii uumuun keessa jiraachisa;
gochaalee adda addaa akka isaan dalagan godha. Addunyaan asoosamaa kunis kan
uumamu caacculee asoosamaa irratti. Kaayyoon hojii kalaqaa tokkoo galma ga’uu kan
danda’u ijaarsiifi qindoominni caacculee asoosama sana gidduu jiru, akkasumas filannoon
jechootaa, fi himootaa xiyyeeffannoo argatanii ofeeggannoon kan qindaa’an yoo ta’aniidha.
Ogbarruun Oromoo gama Kanaan ga’umsa yoo qabaatan barreeffamni afaanichaa
sadarkaa isaa kan eeggate ta’a. Kanumarraa ka’uun qorannoon kun kan gaggeeffame yoo
ta’u asoosamoota Afaan Qawwee Jalatti Jedhuufi Galfata ija yaaxina bifiyyeetiin
qaaccessuu dha. Kaayyyoo gooroon qorannichaa asoosamoota Afaan Qawwee Jalatti fi
Galfata jedhu yaaxina bifiyyeetiin qaaccessuu yoo ta’u. kaayyolee gooreen immoo
asoosamoota filataman keessatti ijaarsi caacculeefi qindoomina gidduu isaani jiru,
akbarruu isaanii, walsimsiitota asoosamoota kanneenii sakatta’uun ibsuu fi ij yaaxina
bifiyyeetiin maal akka fakkaatan walbira qabuun agarsiisuudha. Xiyyeeffannoon yaaxina
bifiyyee caacculee fi ak-barru barreeffamichaa irratti waan ta’eef hojii kana keessattis
caacculee asoosamaa kan akka seenaa, sabseenaa, namfakkii, k.k.f irratti xiyyeeffachuun
haala ijaarsa isaaniifi qindoomina gidduu isaanii jiru ittiin sakatta’uudha. Malli Qorannoo
kanaa qorannoo akkamtaa yoo ta’u, kitaabilee tooftaa iddatteessuu akkaayyootiin filataman
keessaa ragaalee funaanaman qaxilee kaayyoo gooree fi yaaxina qorannichaa bu’uura
godhateen wal simsiisuun xiinxaalli taasifame akka agarsiisutti kitaabni lamaanuu ija
yaaxina bifiyyeetiin yeroo qaacceffaman waan asoosama tokko asoosama taasisu ofkeessaa
kan qabanii fi akkaataan ijaarsa isaanis ulaagaalee beektotaan ibsaman kan guutaniidha.
Gama qindoomina caacculee gidduutti jiraachuu qabuun asoosamni lachuu haala gaariin
kan qindaa’aniidha. Dubbiiwwan qolaa jechamootni akkasumas walaloowwanis keessatti
kan hammatamaniidha. Gama duraaduubummaa jechootaatiin wayita ilaalaman seera
afaanichaa hordofanii kan naqaman ta’anii mul’atu. Akkasumas himegeree, addeessuu,
waliin dubbiifi duubdeebiin malawwan kanneen keessatti dhimma itti bahaman yoo
ta’an,qindoomina caacculee asoosamichaaf gumaachi isaanii guddaadha. Asoosamoonni
kunneen yaaxina bifiyyee irratti hundaa’uun walbira qabamanii yoo ilaalaman,
walfakkeenyas garaagarummaas kan qabaniidha. Gama biraatiin namfakkii olaanaan
asoosama Galfata gochaa ragaarratti irra deddeebiin raawwatamurratti, rakkoon adda
addaa isa mudachaa turuufi injifannoon keessa bahuusaarratti kan xiyyeeffatu yoo ta’u,
asoosama Afaan Qawwee jalattimmoo, roorroo uummata Oromoorratti aggaamame
falmuun gooboongaleessi asoosamichaa /Baroodaan/ hanga lubbuu isaa wareeguutti kan
deeme ta’uu hubachiisuudha. Kana malees asoosamoota lachuu keessatti irra deddeebiin
jechootaafi dogoggorri qubee kan mul’atu ta’uun ibsameera. Haaluma walfakkaatuun
asoosamoota lachuu keessatti yaada furmaataa ni ta’a jedhamee kan yaadame wajjin
barruu qorannoo kana keessatti ibsameera.