Xiinxala Unkaafi Qabiyyee Faaruu Naqataa Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Jaardagaa Jaartee

No Thumbnail Available

Date

2017-08

Journal Title

Journal ISSN

Volume Title

Publisher

Addis Ababa University

Abstract

Kaayyoon qorannoo kanaa unkaafi qabiyyee faaruu naqataa Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Jaardagaa Jaartee irratti kan xiyyeeffate yommuu ta’u fuudhaafi heeruma keessatti waantonni raawwataman hedduutu jiru. Isaan keessaa unkaafi qabiyyee faaruu naqataa mataduree jedhu irratti qorannoo gaggeessuuf kan ka’umsa naaf ta’e,inni jalqaabaa mata duree kana irratti qorannoo gaggeessuudhaaf fedhii guddaa waanan qabuufidha.Lammaffaan immoo kanaan dura mataduree kana irratti qorannoon bifa qindaa’een qoratamee taa’e dhabamuu isaa yoo ta’u; muuxannoon qabu irraa unkaafi qabiyyeen faaruu naqataa qorataan kunis qoratee dhaloota dhufuuf akka ka’umsa ta’u barreeffamaan galmeessee ka’uufi akkasumas qorannoowwan kanaan dura waa’ee fuudhaafi heerumaa irratti hojjetaman adeemsaafi gosoota fuudhaafi heerumaa,weedduu arrabsoo ibsan malee unkaa fi qabiyyee faaruu naqataa irratti hin dalagamne. Sababa kana irraa ka’uudhaan matadurichi qorannoodhaaf yoo filatamu kunis eddo hir’ina kanaa cufa. Odeef kennitoonni qorannoo kana irratti hirmaatan Jaarsolii, Haadholii, Shamarraniifi Dargaggoota Aanaa Jaardagaa Jaartee keessa jiraatan keessaa amma iddatteessuu miti carraa (purposive sumpling) itti fayyadamuun filatamanii jiru. Kaayyoon isaas unkaafi qabiyyee faaruu naqataa Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Jaardagaa Jaartee xiinxaluu ta’ee unka faaruu naqataafi qabiyyee faaruu naqataa keessatti mul’atan, hirmaattonni gahee isaan unkaa fi qabiyyee faaruu keessatti qaban akkasumas faayidaa faaruun kun hawaasa keessatti qabu walduraaduubaan xiinxaluun kaa’amanii jiru. Ragaa qoranoo kanaaf oole funaanuufis afgaaffiin sagantaa idilee irratti argamuun ilaaleera. Kana malees faaruu naqataa yeroo sirni gaa’elaa gaggeeffamu daawwannaafi marii gareen odeeffannoon funaanameera. Ragaaleen malleen kanneeniin funaanaman akkaataa itti unkaafi qabiyyee faaruu naqataa itti fayyadaman xiinxalee jira. Argannoowwan gurguddoo qorannoo kanaa akka ibsanitti unkaafi qabiyyeen faaruu naqataa Aanaa Jaardagaa Jaartee keessatti seera qabeessa, Jaallatamaafi kabajamaa akka ta’e mul’isa. Haata’u malee yeroo ammaa faaruun naqataa fuudhaa fi heeruma keessatti sababa ammayyummaa, qaala’insa jireenyaafi dhiibbaa amantaa pirootistaantii irraa kan ka’e akka duraaniitti gaggeeffamaa hin jiru. Qorannoon kunis dhaloota dhufuuf barreeffamaan ol kaa’uuf gaggeessuun barbaachise.

Description

Keywords

Citation