Qaaccessa Qabiyyee Faaruu Gooticha Oliiqaa Dingil Godina Qellem Wallaggaa: Aanaa Yamaalogii Walal

No Thumbnail Available

Date

2017-08

Journal Title

Journal ISSN

Volume Title

Publisher

Addis Ababa University

Abstract

Qorannoon kun Qaaccessa Qabiyyee Faaruu Gooticha Oromoo Oliiqaa Dingil Godina Qellem Wallaggaa: Aanaa Yamalogi Walalirratti xiyyeeffata. Kaayyoon guddaan qorannoo kanaa Qabiyyee faaruu Oliiqaa Dingil Yaaddidddama Xinmaddaa [tajaajilaa]fi caasaan, ergaa qabiyyee faarichaa, sababoota faaruu kana akka irraanfatamu[badu] taasisaniifi furmaata badiisa oolchurratti hundoofnee qaaccessuun dhaloota dhufuuf akka taa‟u taasisuudha. Maddi ragaa qorannoo kanaa madda ragaa tokkoffaafi lammaffaadha. Akka madda ragaa tokkoffaatti namoonni odeeffannoon irraa funaaname manguddoota waa‟ee faaruu kanaa gad-fageenyaan beekan bifa [afgaaffii gaafachuun yoo ta‟an maddi ragaa lammaffaanimmoo namoota waayee faaruu gootaa maatiirraa dhaga‟ani [sakatta‟a barruulee qorannoo kanaan hidhata qabaniiti]dha. Iddattoon qoranichaa iddattoo akkaayyoofi darbaa dabarsaa yoo ta‟u, qorataan dura Biiroo Aadaafi Tuuriizimii aanichaa dubbisuutiin nama naannichatti waa‟ee faaruu kanaa beeku gaafatee nama hogganaan biiroo kanaa eereef bira deemuudhaan isaanirraammoo namoota waayee kanaa beekan biroo qorachuudhaan odeeffannicha guuree jira. Faaruun funaaname kunis mala qoqqooduutiin qaaccessameera. Faaruun gootaa bifawwan akka geerarsaafi sirbaan kan dhihaatedha. Akkasumas ergaawwan faarsaa gootaa kun kanneen akka: dhaadannaa, gootummaa, jajumsa, arrabsoofi quuqqaa garaa ibsachuuf kan faarsamu yoo ta‟u, haalawwan faaruun kun akka badu yookaaan irraanfatamu godhanis kanneen akka: dhiibbaa amantaa, dhiibbaa siyaasaafi ammayyummaa ta‟uun bira ga‟ameera.Faaruu kana badiirraa oolchuun dhaloota dhaalchisuuf namni hundi kutannoon hojjechuun murteessaa ta‟uu qorannoon kun ni eera.

Description

Keywords

Citation