Qaaccessa Hujiilee Sheek Bakrii Saphaloo Godina Harargee Bahaa Aanaa Gooroo Guutuu

No Thumbnail Available

Date

2016-07

Journal Title

Journal ISSN

Volume Title

Publisher

Addis Ababa University

Abstract

Qorannoon kun mata duree ‘Qaaccessa hujiilee Sheek Bakrii Saphaloo’irratti kan adeemsifame yommuu ta’u, inniis boqonnaa shan qabatee kan dhihaateedha. Boqonnaa tokko keessatti seen duuba qorannichaatiin walqbatee seen duubni Sheek Bakrii Saphaloo ballinaan kaafameera. Fakkeenyaaf, hidda latiinsa Sheek Bakrii, namoota inni irraa barateefi iddoowwan inni itti barate baraa wajjiin ibsamaniiru. Kaayyoon qoqrannoo kanaas hujiilee Sheek Bakrii qaaccessuudha. Kaayyoon gooreen, hujiilee Sheek Bakariin gama: Og-barruu Oromootiin, gama hawaasummaatiin, gama warraaqsa siyaasaatiin, gama kalaqa qubee Afaan Oromootiin, gama aadaafi aartii ummatichaatiiniifi kallattiiwwan garagaraatiin godhe maal fakkaata kan jedhuufi Afaan Oromoo barreessuuf haalli inni itti fayyadamaa ture akkami kan jedhu ibsameera. Qorannoon kun hujiileen Sheek Bakriin yeroo sanitti hojjate kanneen birootiis ballinaan ibseera. Hujiileen kuniis, eessatti, akkamittiifi yoom akka hojjatamaniis ballinaan ibsamaniiru. Barbaachisummaan qorannoo kanaa, dhaloota ammaafi isa dhufuufiis bu’aa guddaa qabuufi qorattoota birootiifis ka’uumsa ta’uusaa ibsameera. Qorannoon tokko yommuu geggeeffamu bu’aan isaa hawaasa fayyada. Kanaaf, qorannoo kanarraa: barataan, barsiisaan, dhaabbanni qorannoo gaggeessuu barbaaduufi namaoonni dhunfaatiis irraa fayyadamuu ni danda’u. Daangaan qorannichaatiis, gama qabbiyyeetiin walaloo, darassiifi oduu durii irratti yommuu ta’u, iddoon qorannichi ittigaggeeffamees, Harargee bahaa Aanaa Gooroo Guutuuti. Boqonnaa lama jalatti, barruuwwan dhimmootaqorannoo kanaa wajji walqabtaniifi kanneen kallattiin walitti dhufan ballinaan dhihaataniiru. Kuniis maalummaafi akkaataa hujiileen Sheek Bakrii itti hojjataman irratti kan xiyyeeffateedha. Boqonnaa sadii jalatti, malli qorannoon kanaaf dhimma itti bahame mala qo’annoofi qorannoo seenaawaati. Maddi ragaaleetiis, maanguddoo, barsiisoota, hojjattoota, iddoolee seenaa Sheek Bakriitiifi ragaalee barreeffamaati. Malli iddattoon ittiin filatamees, mala iddattoo kaayyeeffataati. Qoratichi kana kan filateefiis, kallattiin namoota raga gahaa irraa argaachuu danda’u irratti waan xiyyeeffateefi. Meeshaalee funaansa raga kanneen akka af-gaafii, xiyyeeffannoo marii garee, daawwiifi sakatta’a barruutti. Boqonnaa afur jalatti malleen qorannoo armaan oliifi meeshaalee funaansa raga gargaaramuun odeeffannoowwan funaanaman mata dureewwan garagaraatti qooduun qaacceffamanii dhihaataaniiru. Garuu, akka qaaccessaaf tolutti mata dureewwan wal fakkaatan walitti qabuun iddoo tokkotti qaacceeffamaniru. Ragaaleen af-gaaffii, xiyyeeffannaa marii gareefi daawwiidhaan funaanaman jala jiran: Kalaqa Qubee Shaaldaa, Odaa Sheek Bakrii, tartiiba Qubee Shaaldaa, haala itti fayyadama qqubee Shaaldaa, jechootaafi Qubeen Ajam wal duraa duubaan qaacceeffamaniiru. Kanneen sakatta’a barruutiin funaanaman irra baayyeen isaanii walaloodha. Kuniis, gara Afaan Oromootti eega hiikaman booda, akkaataa qaabiyyee isaaniitiin wal duraa duubaan qaacceeffamaniiru. Boqonnaa shan jalatti: guduunfaa, argannoofi, yaada furmaataa jira. Guduunfaa jalatti waliigalli qorannichaa boqonnaa tokkoo hanga boqonnaa afuriitti cunfamuun kaayameera. Argannoon qorannichaa lakkoofsaan kaayameera. Dhumarratti qoratichi yaada furmaataa jechuudhaan yaada mataa isaa kaayuudhaan qorannicha xumure.

Description

Keywords

Sheek Bakrii Saphaloo

Citation