Xiinxala Fayyadama Afaanii Barreeffamoota Afaan Oromoo Feesbuukii Keessatti

No Thumbnail Available

Date

2018-06

Journal Title

Journal ISSN

Volume Title

Publisher

Addis Ababa University

Abstract

Kaayyoon qorannoo kanaa barreeffamoota Afaan Oromoo roggeeyyiin feesbuukii biyya keessaa maxxansan keesatti fayyadama afaanii mul’atu xiinxaluudha. Qorannoo kun buu’urumaan kan inni irratti xiyyeeffatu dhimma haala itti fayyadama afaanii gama roggeeyyii feesbuukiin jiru maal akka fakkaatu xiinxaluun bu’aa adda addaatiif oolchuudha. Haaluma kanaan, qorannoon kun saxaxa ibsaan gaggeefame. Sababa qorattuun akkamtaafi mala ibsaa fayyadamteefis, akkuma boqonnaa tokkoffaa keessatti ibsamuuf yaalametti xiyyeeffannoon qorannoo kanaa inni guddaan ittifayyadama afanii barreeffamoota miidiyaa hawaasummaa feesbuukii keessatti yeroo dhihoo asitti roggeeyyii miidiyaa hawaasummaa feesbuukiitiin maxxanfamaa jiran xiinxaluun ibsuudha. Kaayyoo kanas galmaan ga’uuf fayyadama afaanii hojiiwwan walfakkii qaban kan roggeeyyiiwwan afurii sakatta'amee jira. Tooftaaleen funaansa ragaalee mala sakatta' duukmeentiitti dhimma itti bahameera. Ragaalee funaannaman kanneenis mala akkamtaatti gargaaramuun xiinxalamanii jiru. Haala kanaan bu'aan xiinxala qorannoo kanaa akka mul'isutti fayyadama afaanii barreeffamoota afaan Oromoo roggeeyyii feesbuukiin maxxanfaman xiinxaluun fayyadama afaanii, haala ergaafi tarsiimoo roggeeyyiin ergaa dabarfachuuf itti fayyadaman ibsamaniiru. Argannoon argame akka ibsutti ergaawwan feesbuukii irratti maxxanfaman kaayyoo ifaa galmaan ga’uu haalli itti fayyadama afaanii murteessaa ta’uu kun ammoo dhimma filannoo jechoota fi malleen dubbii kan of keessatti hammatu ta’uu fi tarsiimoo filatamaa ta’e midiyaalee adda addaa irratti fayyadamuun bu’a qabaachuu, kanaaf ammoo yaboonis kennamee jira. Innis namoonni haala kanarra fooyyaa’aa ta’en afaanittidhimma ba’uu akka danda’an irratti hojjechuu. Haala fayyadama afaanii gama filannoo jechootaa, malleen dubbiifi kan kana fakkaatan fuula feesbuukii roggeeyyiiwwaniin walqabatee haalla itti fayyadama afaanii bifa nama harkisuufi hubannoo uumuu danda’uun akka hojjetamuu gochuun qaamni dhimmi isaa ilaalu leenjii gabaabaa qaamolee adda addaatiif kennuu akka qaban heerameera.

Description

Keywords

Citation