Xiinxala Moggaasa Maqaa Daa’immaniifi Bakkeewwan Aanaa Walisoo
dc.contributor.advisor | Nagaasaa, Mulugeetaa (PhD) | |
dc.contributor.author | Tsaggaayee, Seefuu | |
dc.date.accessioned | 2018-07-19T10:20:01Z | |
dc.date.accessioned | 2023-11-30T04:26:11Z | |
dc.date.available | 2018-07-19T10:20:01Z | |
dc.date.available | 2023-11-30T04:26:11Z | |
dc.date.issued | 2008-07 | |
dc.description.abstract | Kaayyoon qorannoo kanaa xiinxala moggaasa maqaa daa’immaniifi bakkeewwanii haala qabatamaa Aanaa Walisoo akkamiin akka gaggeeffamu qaaccessuudha. Xiyyeeffannoon qoranaa kanaas maalummaa maqaa, moggaasa maqaa, faayidaafi bu’ura moggaasa maqaa akkasumas dhiibbaa sirnoota darbaniin irra gahe hubachuudha. Haaluma kanaan xiinxala moggaasa maqaa kanaaf malli qu’atichi itti gargaarame mala akkamtaa yookaan qulqulleeffataati. Malla kanaan odeeffannoo madda ragaa duraafi madda ragaa lammaffaa irraa argaman kan kaayyoo qorannichaa galmaan gahu jedhamanii funaanamaniin walsimsiisun itti gargaarameera. Akkasumas, sirna moggaasnii maqaa daa’immanii itti raawwatus yaada mangudddolifi beektootaarratti bu’ureeffachuun ibseera. Akkasumas qabiyyee gurgudoon qu’attichi irratti hundaa’e, maalumma maqaa, malumma moggaasa maqaa, moggaasa maqaafi aadaa, faayidaa moggaasa maqaa, gosoota moggaasa maqaa daa’immaniifi bakkeewwanii, moggaasa maqaa keessaatti eenyu akka qooda fudhatu, bu’ura moggaasa maqaa, dhiibbaa sirnoota darbaniin moggaasa maqarraa gahe fi kan kana fakkaatan kan ibsan yoo ta’u, qorannoo kana keessatti akka waliigalaatti wanti hubatame, hawaasni Oromoo aanichaa akkaataa moggaasa maqaa daa’immanii itti raawwatu adeemsa mataa isaa kan qabu, gosoota moggaasa maqaa daa’immanii maatiin gaggeeffamu, hammachiisaafi guddifachaan raawatu qabaachuu, bu’urri moggaasa maqaa daa’immanii: waqtiilefi ayyaana, abdiifi hawwii fulduraa, yeroo ulfaa, cininsufi da’uumsaa, dhala dhabaniifi turmaata booda argachuu, maatiin wallolanii araaramuu booda dhalachuu, guddinaafi sochii qaamaa daa’ima, du’a ijoollee dura dhalatanii booda dhalachuu, fedhii maatii malee dhalachuu daa’immanii, saalli walfakkaatu walitti aanee dhalachuu, lakkuu dhalachuu daa’immanii, miidhaginaafi fokkisummaa daa’immanii, amala daa’ima sanaa, amantiin walqasiisun akkasumas yeroo ammaa ammayuummaanfi kanaaf kana kan fakkaatan bu’ureeffachuun yoo ta’u, kan bakkeewwaniimmoo maqaa namaa, haala qilleensaa, wantoota naannoo sanatti baay’inaan argaman, maqaa namaafi haala bakka sanaa walittii qindeessun akka ta’eefi dhiibbaa sirnoota darbaniitin Oromoon aanichaa aadaafi duudhaa moggaasa maqaa kan isaa dagatee akka kan biraa dhaalu ta’uun isaa hubatameera. Kanaafuu maqaan uummata kanaaf kuusaa beekumsa gadi fagoo, ibsituu eenyummaafi calaqistuu aadaa kan jecha yookaan gaalee ittiin waamamuu sana bira ce’eedeemudha; jechuun nidanda’ama. | en_US |
dc.identifier.uri | http://etd.aau.edu.et/handle/123456789/9468 | |
dc.language.iso | om-ET | en_US |
dc.publisher | Addis Ababa University | en_US |
dc.subject | Moggaasa Maqaa Daa’immaniifi Bakkeewwan | en_US |
dc.title | Xiinxala Moggaasa Maqaa Daa’immaniifi Bakkeewwan Aanaa Walisoo | en_US |
dc.type | Thesis | en_US |