Qaaccessa Dhihaannaa Dhamjechaa: Kitaabilee Barnoota Afaan Oromoo Kutaa 7fi 8 Bara 2003 Qophaa’an

No Thumbnail Available

Date

2019-08

Journal Title

Journal ISSN

Volume Title

Publisher

Addis Ababa University

Abstract

Kaayyoon qorannoo kanaa dhiyaannaa dhamnjechaa kitaabilee barnoota Afaan Oromoo kutaa 7fi8 bara 2003 qophaa’an keessatti dhiyaatan qaaccessuudha.Dhiyaannaan dhamjechaa kitaabilee barnoota Afaan Oromoo kutaalee kanneen keessatti dhiyaatan maal akka fakkaataniifi hanqinaalee gama dhiyaannaa dhamjechootaan mul’atan maal akka ta’an adda baasanii qaaccessuudha.Hanqinaalee dhiyaannaa dhamjechootaa kitaabilee kanneen keessatti mul’atan adda baasuun furmaata barbaaduuf immoo, adeemsa qorannoo ibsaatti gargaarame. Yaaxxinni qorannoo kana keessatti dhimma itti bahames, yaaxina caasawwaati. Kitaabileen barnootaa, barsiisonni Afaan Oromoo kutaa 7fi8 barsiisaniifi barattoonni kutaa kannen baratan akka iddattootti filatamaniiru. Barattoonni hirmaatan mala iddatteessuu carraa tasaatiin kan filataman yoo ta’an,barsiisonni immoo, mala iddatteessuu mit-carraa keessaa, iddatteessuu akkaayyootti gargaaramuun filataman. Meeshaaleen ittiin odeeffannoon walitti qabame immoo, sakatta’a kitaabilee barnootaa,afgaaffii barsiisotaafi bargaaffii barattootaati. Odeeffannoon meeshaalee kanneeniin walitti qabame mala qorannoo akkamtaafi ammataatiin (makaatiin) qaaccessameera.Akka argannoo qorannoo kanaatti, maalummaan dhamjechootaa gad-fageenyaan ibsamuu dhiisuu, garaagarummaan jechaafi dhamjechaa adda bahee dhiyaachuu dhiisuudha. Kana malees,dhamjechoonni akkamitti akka barataman ifaan kitaabilee keessatti hinibsamne. Haaluma wal-fakkaatuun uumamaafi hormaata jechootaa irrattis wanti qabatamaan ibsame hinmul’atu. Akkasumas, tajaajilli dhamjechootaa bal’inaan ibsamuu dhiisuufi dhamjechoonni kitaabilee barataafi qajeelcha barsiisaa keessatti dhiyaatan kan walhincalle ta’uu isaa hubatameera. Dhumarratti argannoo qorannoo kanaa irratti hundaa’uun yaadni furmaataa kennames, dhamjechoonni kitaabilee barnootaa kunneen keessatti dhiyaatan haala ofiin barachuu barattootaa giddu-galeessa godhatanii dhiyaachuu akka qabaniifi maalummaan dhamjechootaa bifa ifa ta’een dhiyaachuu akka qabu eerameera. Kana malees, qabiyyeewwan dhamjechootaa boqonnaalee murtaa’an jalatti gurmaa’anii dhiyaachuu akka qabaniifi haala jechoonni uumamaniifi horan tajaajila caasluga afaanii adda addaatiif itti oolu danda’an fakkeenyaan deeggaramee kitaabilee barattootaa keessatti dhiyaachuu akka qabu qopheessitoota kitaabilee barnoota Afaan Oromootiifi sirna barnoota Afaan Oromoo qopheessaniif, qabxileen kunneen akka yabootti dhiyaatanii jiru.

Description

Keywords

Citation