Xiinxala Hariiroo Qabiyyee Silabasiifi Dhiyaannaa Gilgaalota Kitaaba Barnoota Afaan Oromoo Kutaa 4ffaa

No Thumbnail Available

Date

2020-06

Journal Title

Journal ISSN

Volume Title

Publisher

AAU

Abstract

Kaayyoon qorannaa kanaa hariiroo qabiyyeesilabasiifi dhiyaannaa gilgaalota kitaaba barnoota Afaan Oromoo kutaa4ffaa kan bara 2011 qophaa’e xiinxaluudha. Kaayyoo qorannaa kanaa galmaan ga’uuf Silabasiifi kitaaba baroota Afaan Oromoo kutaa 4ffaa mala funaansa ragaa keessaa sakattaa duukumantiitin ragaaleen funaanuun bifa bifaan qindeessuun,mala iddattoo akkayyoo fayyadamuun mala makaatiin xiinxalamee bifa isuutti gargaaramuun ibsamee jira. Kaayyoo qorannaa kanaa irratti hundaa’uun argannoowwan qorannaa kanaa qabiyyeewwan kitaaba kana keessa jiran 126 keessaa kan silabasiifi kitaaba keessa jiran lakkoofsaan 51 yoo ta’an haguuggiin isaanii %40.5 qofa.Akkasumas qabiyyeewwan silabasii keessa jiraatanii kitaaba keessa hin jirre lakkoofsaan 33 yoo ta’an dhibbeentaa isaanii %26.2 ta’u, kanneen kitaaba keessa jiraatanii silabasii keessa hin jirre lakkoofsaan 42,dhibbeentaadhaan immoo %33.3ta’u. Dhiyaanna gilgaalotaa ilaalchisee kitaaba kana keessa gilgaalota gosa garaagaraa160 jiran keessaa akka ragaan muul’isutti xiyyeeffannoon ogummaa dhaggeeffachuu, beekumsa ogbarruufi jechootaaf kenname gadi aanaa ta’uu isaati. Akkasumas, qabiyyeewwan duraa duuba eeganii barsiisuu kitaaba kana Keessatti hanqinni kan muul’atuudha.Itti dabalees qabiyyeewwan sadarkaa eeguu isaanii ilaalchisee, qabiyyeewwan dhiyaatan kan sadarkaa barattootaan wal hin madaalle jiraachuun hubatameera. Argannoowwan kanaaf immoo yaboon dhiyaatanii jiru.Kunis, qabiyyeewwan silabasii keessa jiran hunduu kitaaba barataa Keessatti hammachiisuun kan dagatamuu hin qabne ta’uun isaa qopheessitoonni hubannoo akka horatan Biiroon Barnoota Oromiyaa osoo taasisee gaarii fakkaata. Akkasumas ogummaawwaniifi beekumsa ykn dameewwan hundaaf walqixa xiyyeeffannaa kennuun barbaachisaadha yaada jedhuudha. Dabalataaniis qabiyyeewwan tartiibaan jechuunis, salphaarraa gara cimaatti deemuun dhiyaachuu akka qabu xiyyeeffannaa keessa galchuun gaarii ta’a. Qophii silabasii, kitaaba barataafi kkf dursanii osoo Filoochaartii gosa barumsa sanaa haalaan hubatanii baayyee bayeessa akka ta’u yaboon lafa kaa’amee jira.

Description

Keywords

Kaayyoo qorannaa kanaa galmaan ga’uuf Silabasiifi kitaaba baroota Afaan Oromoo kutaa 4ffaa mala funaansa ragaa keessaa sakattaa duukumantiitin ragaaleen funaanuun bifa bifaan qindeessuun

Citation