Yuunivarsiitii Finfinnee Kolleejjii Barnootaafi Qo'annoo Afaanotaatti, Muummee Afaanii, Ogbarruufi Fookiloorii Oromoo
No Thumbnail Available
Date
2035-01-02
Authors
Journal Title
Journal ISSN
Volume Title
Publisher
Addis Ababa University
Abstract
Kaayyoon qorannoo kanaa jiruufi jireenya hawaasummaa keessattii ga’eefi hiika meeshaaleen qaban xiinxaluudha. Maddi ragaa qorannoo kanaa hawaasa Oromoo godina Wallaggaa Lixaa keessa jiraatan yoo ta’an, malleen iddatteessuu akkayyoofi darbaa dabarsaa hojiirra oolanii jiru. Tooftaa odeeffannoon ittiin funaannames daawwannaa, afgaaffiifi maree garee xiyyeeffataati. Odeeffannoowwan kallattii kanaan walitti qabaman mala qorannoo akkamtaan gurmaa’uun xiinxalamanii jiru. Kana keessaa mala xiinxala ragaaleef bu’uurri yaadrimeefi yaaxxinaalee xiinxala meeshaalee aadaa gara fookilooriin jiru bu’urefatamee jira. Haaluma kanaan, ragaalee xiinxalaman irraa bu’aan argame akka agarsiisutti meeshaaleen aadaa bu’uura tajaajilaan aangoofi aangomuu akka ibsan, kanaanis, barcumni fakkoommii aangoo, angafummaafi kabaja yookaan ulfinaa akka qabu, cancalli fakkoommii hidhaa, rakkinaafi gidiraa, bokkuun fakkoommii ol’aantummaa seeraa nagaa, seera tumuufi labsuu, araaara buusuu, alangaan fakkoommii seera tumame labsuu, aangoo, ol’aantummaa seeraa kan mul’isu, siiqqeen fakkoommii birmadummaa /uumamaan bilisa ta’uu/, kabaja dubartii, gulantaa gara dubarummaatti ce’uu, ulee mirga dubartootaa tiksu, boraatiin fakkoommii waan miidhama nama oolchuu akka ibsan, bu’uura dinagdeen qabeenya akka agasiisan, haaluma kanaan okoleen fakkoommii akkaataa qabaa jireenyaa, sa’a qabaachuu, horii qabaachuu, gumbiin fakkoommii jireenya, barakaafi qusannaa baruutti akka fakkeeffamu, bu’uura waan irraa hojjetaman irratti hundaa’uun ga’ee namni aadaa keessatti qabu akka ibsan, kanaanis, gundoon booree fakkoommii waadaa seenuu, cichoomina, joormaa, dadhabbii, kabajaa, meeshaaleen aadaa waraanaa kanneen akka bodee, calanqaafi bakarri fakkoommii onnee cimaa/ gootummaa, dhiirummaa, moo’icha, jabinaa akka qaban, kallachi fakkoommii nageenyaafi araara buusuu, gaachanni fakkoommii nama onnee cimaa/goota, nama saba isaatiif wabii ta’u, amartiin fakkoommii naatoo yookaan miidhaginaafi kabajaa, sirna gaa’elaa keessatti faaya ta’uurra darbee fakkoommii walitti hidhamuu akka qabuufi kanneen hafanis haaluma kanaan hiika fakkoommii ofii akka qaban bira gahamee jira. Kanamalees, meeshaalee aadaa keessaa dhiironni meeshaalee muka, sibiilaafi gogaarraa hojjatamanitti dhimma yoo bahan, durbiifi dubartootni meeshaalee aadaa migiraafi baay’inaan supheefi biyyoorra hojjatamanitti dhimma akka bahan hubatamee jira. Meeshaaleen kunneen ga’e koorniyaa (dhiirummaafi dubartummaa, abbaa warrummaafi haadha warrummaa) isaan qaban, ga’e aadaan namoota ga’eela dhaabbataniif kenne akka ibsan irraa hubachuuf danda’amee jira. Bareedinni/faayaan meeshaalee sonawwan aadaa qabu (ogummaa, jaalalaafi hariiroo maatii hanga hawaasatti jiru) akka calaqqisiisan qorannoo kanaan bira ga’ameera jira. Itti dabaluun, meeshaaleen aadaa hiika kan argatan aadaafi duudhaa hawaasa tolchee dhimma itti ba’uu giddu galeeffachuun akka ta’e qorannoo adda baafamee jira. Argannoo kana irratti hudaa’uun yaboon kenname, meeshaaleen aadaa hiika aadaa qabu, hiikni isaanii kun callisee kan kennamu osoo hintaane haala hawaasa sanaa giddu galeeffateeti; yoo sanaa ala ba’e rakkoo hubannaa uumuu waan danda’uuf waajjirri aadaafi tuurizimii hubii kana dhimmamtootaafi qorattootaaf uumuu qaba