Xiinxala Sirna Gadaa Naffuroo Fookloorii Oromoo Keessatti
No Thumbnail Available
Date
2017-08
Authors
Journal Title
Journal ISSN
Volume Title
Publisher
Addis Ababa University
Abstract
Qorannoon kun haala Sirni Gadaa Naffuroo fookloorii keessatti calaqqisu dhiheessuu
irratti xiyyeeffata. Kana keessattis waantonni qaacceefaman, yoomessa hundeeffama
Gadaa Naffuroo, raawwilee barbaachiisoo sirna Gadaa kanarratti raawwatan, seerotni
Gadaa Naffuroo irratti tumaman maal akka ta`aniifi hiika mallattoo muka Odaa
Naffuroof kennamu qaaccessuudha. Ka`umsi qorannoo kanaas qorataan dhimma kana
qoratee bira ga`uuf fedha guddaa qaburraa ka`uun aadaan Fookloorii gabbataa kun
akka hindagatamneef dhaloota har`aa beeksisuun dhaloota booruuf ol kaa`uufidha.
Kaayyoo kana galmaan ga`uufis mala qorannoo qulqullinaa (qualitative) dhimma bahee
jira. Madda raga qorannoo kanaa ilaalchisee, mala iddatteessuu akkayyootti
gargaaramuun odeefkennitoota waa`ee Sirna Gadaa Naffuroo beekan maanguddootaafi
namoota naannoo qorannichi irratti gaggeeffame keessaa kaayyoo qorannichaa galmaan
gahuu danda`an odeeffannoo kennameen darbaa dabarsaan kanneen filatamanirraa
odeeffannoo funaannachuun mala qorannoo ibsaatti dhimma bahuun qaacceffameera.
Mala funaansa odeeffannoo ilaalchisee, af-gaaffii, daawwannaafi dookimantiiwwan
sakatta`uun odeeffannoon funaanaman jechaan qaacceffamanii jiru. Bu`aan qorannoo
kanaa akka agarsiisutti Gadaan Naffuroo ilmaan Jaawwii Horroo ka`anii Giddatti gala
jiruun Ganda Naffurootti hundeeffamuusaa, kunis seeneffama afaanii akka qabu, Sirni
Gadaa Naffuroo galateeffannaa, daddarbaafi dhibaafannaa uummata Oromoo Amuruu
ta`ee sababa itti gaafatamummaa bahuu dhabuu abbaa Gadaafi dhiibbaa mootummaa
yeroo sanaan addaan cite turuusaa, aangoon abbaa Gadaa Naffuroo bara hundeeffamee
kaasee daddarbaan dhufee hanga har`aatti harka angaftuu ilmaan Amuruu Hoolee
jiraachuusaa, waldhabdeen hawaasa gidduu jiru jaarsummaan kan furamu ta`uufi
waldhabdee xiyyeeffannaa guddaan itti kennamu gumaa akka ta`eefi uumamni muka
Odaa Naffuroo hidda dhaloota ilmaan Amuruun kan fakkeeffamuufi muka afaan
hinqabne garuu kan dubbatu jedhamuun safeeffatama. Bu`uuruma kanaan dhimmoota
argannoo armaan olii keessatti ka`aniin Sirni Gadaa Naffuroo sadarkaa hawaasa
naannichaatti malee akka waliigalaatti waanti beeksifame waanti hinjirreef osoo
gadifageenyaafi bal`inaan qoratameefi bifa kitaabaan barreeffamee dhaloota har`aa
beeksisuufi dhaloota booriif ol kaa`uuf qaamni dhimmi ilaallatu hundi xiyyeeffannoo itti
kennuun osoo irratti hojjetamee yaboo qorannoo kanaati.