Qaaccessa Haala Dhiyaannaa Dhamjechoota Maqaafi Gochima: Kitaabilee Afaan Oromoo Kutaa 9ffaafi 10ffaa

No Thumbnail Available

Date

2017-08

Journal Title

Journal ISSN

Volume Title

Publisher

Addis Ababa University

Abstract

Kaayyoon qorannoo kanaa haala dhiyaannaa dhamjechoota kitaabilee barnoota Afaan Oromoo kutaa 9ffaafi 10ffaa bara2005 qopha’an keessatti dhiyaatan qaaccessuudha .Haala dhiyaannaa dhamjechoota Afaan Oromoo kutaalee kunneen keessatti mul’atan adda baasuun qaaccessee dhiyeesseera .Haala dhiyaannaa isaaniif furmaata barbaaduuf immoo adeemsa qorannoo ibsaatti gargaarame kitaabilee kutaa9ffaafi 1offaa ti .Meeshaalee odeeffannoon ittiin walitti qabame immoo mirkaneeffannaa kitaabilee barnootaafi qajeelcha barsiisaati .odeeffannoon walitti qabame mala qorannoo akkamtaatiin qaaceeffameera. Akka aragnnoo qorannoo kanaatti waa’een fufiilee gadfageenyaan ibsamuu dhabuu ,tajaajilli isaanii adda bahee dhiyaachuu dhiisuu ,haalli fayyadama iddoo tokko tokkotti dhaaba dhaabuu ,kitaabicha keessattikan dhiyaatan muraasachuufi kenneen murtoofte qofaatti fayyadamuu ,fufiilee akkamitti akka fayyadan kitaabicha keessatti ibsaafi fakkeenya bal’aa waliin dhiyaachuu dhabuu kkf akka jiru qorannon kun mirkaneesseera.Arganno qorannoo kanaarratti hundaa’uun yaanni furmaataa kennameera. Yaanni kennames,fufiileen maqaafi gochima afaan oromoorratti argaman kitaabilee kutaalee kunneen keessatti bal’inaan dhiyaachuu akka qaban ;maalummaa fufiilee haala ifaa ta’een fakkeenyaafi ibsa bal’aa wajjin dhiyeessuu qabu, dogoggorri fufiilee kitaabilee keessatti argaman secca’amuun sirrachuu,garagarummaan ykn dhaaba dhabuun mul’atus bifa walta’ina qabu unakka fooyya’uu ,tajaaila garaagaraatiif akka itti ooluu dandaa’an fakkeenyaan deggeramee kitaabilee barnoota Afaan Oromoo keessatti dhiyaachuu qabu. Kanaaf, qopheessittoonnii sirna barnootaa Afaan Oromoo qabxiilee armaan olitti tarreeffaman kun gama gahiinsa qabiyyee barumsichaaf gufuu waan ta’aniif ilaalcha keessa sirreessuu qabu.

Description

Keywords

Citation