Qaaccessa Sirna Raawwannaa Ayyaana Irreecha Awaash Malkaa Qunxurree

dc.contributor.advisorJaallataa, Taaddasaa (PhD)
dc.contributor.authorBantii, Daamxoo
dc.date.accessioned2020-11-11T07:17:27Z
dc.date.accessioned2023-11-30T04:25:58Z
dc.date.available2020-11-11T07:17:27Z
dc.date.available2023-11-30T04:25:58Z
dc.date.issued2019-08
dc.description.abstractQorannoon kun qaaccessa sirna raawwannaa ayyaana irreechaa Awaash Malkaa Qunxurree irratti kan xiyyeeffateedha. Kaayyoon qorannoo kanaa inni guddaan seenaa, aadaa, safuu jiru walitti qabee sirnoota guyyaa ayyaana irreechaa raawwataman, meeshaalee Oromoon qabatee bakka irreechaa adeemuu, hirmaattotni tartiiba isaan ittiin gara malkaa deeman, hiika mallattoolee sirna kana irratti hawaasni fayyadamuu, haala itti fufiinsa irrechaan walqabatee wantoota dhiibbaa geessisan kan ibsuudha. Qorannoo kanaafis madda ragaa tokkoffaa kan ta’e hirmaattota ayyaana irreeechaa, abbootii gadaafi jaarsolii naannoo sana jiran yoota’u, iddattoon qorannoo kanaas mala akkayyoo kan fayyadameedha. Akkasumas meeshaaleen funaansa ragaa qorannoo kanaa afgaaffii, daawwannaafi marii gareen kan funaanameedha. Maalummaan sirna raawwannaa kanaa malleen qorannoo kanneeniin walitti funaanaman qoqqooduun qaacceffamanii kaa’amaniiru. Qaama qorannoo kana keessatti qaacceffamuun kan argamaniis faaruu sirna kanaan walqabatu, tartiiba deemsaa, eebba, sirna irreeffannaa, meeshaalee sirna kana irrattii hawaasni dhimma itti ba’ee amantaa, seenaa, aadaafi duudhaa kan agarsiisuudha. Sirni kun mallattoo eenyummaafi aadaa uummataa waliin walqabatee seenaa dheeraa kan qabuudha. Sirna kana keessatti hawaasni uumama inni uume kana ilaalanii galateeffachuun kan darbeef galata jedhanii kan dhufuuf immoo abdii isaanii waaqatti kennatu. Yaaduma gubbaatti eerame bu’uura godhachuun sirni raawwannaa ayyaana irreecha Awaash Malkaa Qunxurree madda amantii, safuu Oromoo ganamaa, seenaafi aadaa kan agarsiisuudhaen_US
dc.identifier.urihttp://etd.aau.edu.et/handle/123456789/23153
dc.language.isoom-ETen_US
dc.publisherAddis Ababa Universityen_US
dc.titleQaaccessa Sirna Raawwannaa Ayyaana Irreecha Awaash Malkaa Qunxurreeen_US
dc.typeThesisen_US

Files

Original bundle
Now showing 1 - 1 of 1
No Thumbnail Available
Name:
Daamxoo Bantii.pdf
Size:
2.71 MB
Format:
Adobe Portable Document Format
License bundle
Now showing 1 - 1 of 1
No Thumbnail Available
Name:
license.txt
Size:
1.71 KB
Format:
Plain Text
Description: