Qaaccessa Haala Qubeessuu Barreeffama Beeksisoota Waajjiraalee Mootummaafi Mitmootummaa: Xiyyeeffannoon Aanaa Warra Jaarsoo Magaalaa Gohaatsiyoon
No Thumbnail Available
Date
2010-08
Authors
Journal Title
Journal ISSN
Volume Title
Publisher
Addis Ababa University
Abstract
Qorannoon kun kan inni irratti xiyyeeffate, qaaccessa haala qubeessuu barreeffama
beeksisoota waajjiraalee mootummaafi mitmootummaa Aanaa Warra Jaarsoo irratti.
Mata dureen qorannoo kun akka qoratamu qoratichaaf kaka`umsa kan ta`e, yeroo baay`ee
barreeffamoota beeksisootaa irratti hanqinoota kallattii hedduun mul`achaa turan irratti
sababii qubeeffama dogoggoraatiin, jechoota arrabsoo ta’anii hawaasa ykn dubbistoota
dallansaa turan akkasumas, ergaa biroo dabarsuuf, faallaa yaada barraa’eetti yemmuu
dhimma bahaa turan arguun taajjabaa turuu qoratichaati. Kaayyoon qorannoon kun qabatee
ka`e, akkaataa qubeessuu barreeffama beeksisoota waajjiraalee mootummaafi
mitmootummaa qaaccessuudha. Mata duree qorannoo kanaa ijaaruudhaaf kitaabileen
garaagaraa sakatta`amanii qorannicha keessatti dhiyaatanii jiru. Qorannoo kana
geggeessuuf meeshaaleen ragaan ittiin funaannaman sakatta`a dookumantiifi afgaaffii
yemmuu ta’an, malli qoratichi itti gargaarramee ragaa isaa qaaccesse immoo, mala makaa
(akkamtaafi hammamtaa)dha. Bifa kanaan, ragaalee cuunfame kana irraayis argannoon
qoratichaa: barreeffama beeksisoota waajjiraalee mootummaafi mitmootummaa keessa
hanqinootni qubeessuu hedduun jiraachuu isaanii qoratichi adda baasee jira.Hanqinootni
barreeffamoota isaanii keessatti mul`atanis: seera caasaa afaanichaa eeguun qubeessuu
dhabuu, sirna tuqaaleetti seeraan fayyadamuu dhabuufi caasaa afaanichaa akkaataa seerri
isaa ajajuun gargaaramuu dhabuu akka ta`e mul`ate jira; Maddi dogongoraan barreessuu
isaanitiif sababa ta`e immoo: xiyyeeffannoo gahaa itti kennuu dhabuu, leenjiin gama kanaan
walqabatu hojjettootaichaaf kennamuu dhabuu, maal nadhibdee, dhiibbaa afaanota biroo,
shaakala irra deddeebii taasisuu dhabuu, dhiibbaa sirna barnoota duriifikkf akka ta`e adda
baafamee jira. Qoratichis yaadolee armaan olii bu`ureeffachuun argannoo isaarra gahuun
akka yaada isaatti yaadolee furmaataas eeree jira. Hojjettootni waajjiraalee mootummaafi
mitmootummaa keessatti hojjetan Afaan Oromootiin beeksisoota barreessuun duratti leenjii
dhimma kanaan walqabatu osoo fudhatanii, shaakala walitti fufaa osoo taasisanii,
mootummaan qaama dhimma kana cimsee xiyyeeffannoon hordofu osoo kaa’ee, dhimmi
gahumsaan qubeessuu kun dhimma murteessituu faayidaafi guddina hojjettootaan
walqabachuu osoo ta’ee, mootummaan naannichaa, sooftiweerii akkaataa qubeeffama Afaan
Oromoo to’atu qopheessuun gadi buusee osoo uummatni itti fayyadamee gaarii ta’a jechuun
qoratichi akkaataa hubannoo isaatiin argannoo rakkoo qorannichaaf yaada furmaataa isaa
eeree jira.