Xiinxala Qabiyyee Fayyadama Afaanii Gumaa Baasuu Keessatti: Haala Aanaa Abuunaa Gindabarat

No Thumbnail Available

Date

2017-08

Journal Title

Journal ISSN

Volume Title

Publisher

Addis Ababa University

Abstract

Kaayyoon qorannoo kanaas fayyadama afaanii sirna gumaa baasuu Aanaa Abuunaa Gindabarat xiinxaluudha.Qoratichi ragaalee qabiyyeewwan fayyadama afaanii sirna gumaa keessatti dhimma itti bahaman jechootaan ibsuudhaan waan dhimma itti baheef malli qorannichaa mala qorannoo akkamtaati.Dhimmoota mata duree kanaan walqabatan xiinxaluuf kitaaboleenfi toora intarneetii irraa qabxiilee ijoon sakatta’amniiru.Adeemsi ragaan ittiin funaanname gaaffileen afgaafii qophaa’eet jaarsolee kanaan dura sirna gumaa raawwachiisaa turanii yeroo ammaatti tajaajila isaanii xumuranii bahaniifi sababa garaagaraatiin hojii kana dhiisanii mata duree kana irratti muuxannoo qabanirraa ragaan funaannameera.Qabxiileen daawwannaas qophaa’uun yeroo sirni gumaa muruu irraa kaasee hanga araaraatti raawwatutti dubbiiwwan dubbataman daawwachuun, taateefi dubbii dubbataman irra deddeebi’uun dhaggeeffachuufi ilaaluun ragaa qulqullina qabu argachuuf suur-sagaleenfi yaaddannoo barreeffamaatiin ragaan funannameera. Ragaaleen qorannichaa yaaxxinoota xiinqooqa fayyadama maltee (systemic functional Linguistic)fi haasgochaa (speech act theory) bu’uura godhachuun qaacceffamaniiru. Kunis ragaalee afgaaffiidhaan argaman akkaataa walfakkeenya isaaniitiin walitti fiduunfi qideessuun ibsuun qabiyyee afaanii taateewwan sirna gumaa keessatti itti dhimma bahaman isaan kam akka ta’an adda bahaniiru. Ragaalee daawwannaadhaan argamanis suur-sagaalee daawwannichaa irra deddeebi’uun dhaggeeffachuun qabiyyee afaanii achi keessatti argaman xiinxaluun gara barreeffamaatti deebisuun ragaa yaaddannoo barreeffamaa jiruun walsimsuun qindeeffamnii qaacceffamaniiru.Akka bu’aan qorannichaa agarsiisutti qabiyyeewwan fayyadama afaanii kan ta’an jechamoonni, dubbiiwwan qoolaa, mammaaksota, jechoota fakkoommiiwwan garaagaraa qaban, walqabsiisota, jechoota afaan wal makaa, jechoota ergisaa, ibsoota ajajaa, eebbaa, abaarsaa, waadaa/kakuufi akeekkachiisaafi afaan, illanyaafi walitti dhufeenyi aangoo sirna gumaa kessatti kanneen dhimma itti bahamanidha.Dhumarratti, qabiyyeewwan fayyadama afaanii sirna gumaa keessaatti araara ittiin buusuun nageenya hawaasaa tasgabeessuuf beekumsa hawaasaa guddaa ta’ee osoo jiruu xiyyeeffannoo waan itti hinkennamneef qaamman garaagaraatiin fuul dulduratti maal ta’uu akka qabu yaboon kaawwameera.

Description

Keywords

Citation