Qaaccessa Fayyadama Afaan Oromoo Daldala Dhuunfaafi Gamtaa: Magaalaa Sulultaa
No Thumbnail Available
Date
2018-06
Authors
Journal Title
Journal ISSN
Volume Title
Publisher
Addis Ababa University
Abstract
Kaayyoon qorannoo kanaa fayyadamni Afaan Oromoo dhaabbilee daldalaa keessa jiru maal akka fakkaatu ibsuudha. Kaayyoo qorannichaa galmaan ga‟uufis meeshaalee funaansa ragaa kanneen akka: afgaaffii, daawwannaafi sakkata‟a dokmantiitti dhimma baahamee jira. Qorattuun kun ragaalee argaman kana qaacceessuuf ammoo mala akkamtaatti gargaaramteetti. Haaluma kanaan barjaaleen daandirra jiran suuraa kaafamuun kan fudhataman yoo ta‟u, qaamoota dhimmi ilaallatturraa ammoo afgaaffii caaseffamaafi miti caaseffamaa qopheessuun dhaabbilee bu‟aa omishaa qaban (105) keessaa akka kaayyoo qorannoo kanaatti kan barbaachisan kudha sadi kan fudhatamaniidha. Kana malees, barreeffamoonni garaagaraa kanneen dhaabbilee daldalaa keessatti argaman, akka kaayyoo qorannichaaf ta‟utti sakatta‟amaniiru. Ragaaleen walitti qabamanis mala akkamtaan akkaataa walitti dhiyeenyasaanitiin walkeessa nyaachifamuun qaacceffaamuun hiikni ittilaatameera. Argannoon qorannichaa akka mul‟isutti, barreeffama daldala bu‟aa omishaa Magaalaa Sulultaa keessatti fayyadama Afaan Ingiliziifi Afaan Amaaraan ala kan Afaan Oromoo kan hinjirree ta‟uu, labsiin fayyadama afaanii akka waliigalaatti waan ta‟eef, qajeelfamni fayyadama afaanii ilaallatu kallatti adda addaan bahuu dhiisuun gufuu fayyadama Afaan Oromoo akka ta‟eefi hanqinni akkaataa fayyadama caasaa; qubeessuu, fayyadama dhamjechaa, fayyadama jechoota waaltawaa, hanqinni hojjiirra oolmaa qajeelfama fayyadama Afaan Oromoo irrattii akka jiruufi keessumaayyuu, hanqinni qubeessuu bal‟inaan akka jiru bira gahameera. Isaan kun ammoo jechoonni ergaa barbaadame osoo hintaane hiika biroo akka dabarsan yookiin hiikaa akka dhaban, jechoonni afaanichaa akka hinwaaltoofneefi jechoonni afaanichaa dhaaba akka dhabaniif dhiibbaa kan geesisuudha. Akkasumas, barreeffamoota bu‟aa omishaalee irratti barreeffaman ilaalchisee waajjirri aadaafi turizimii xiyyeeffannoo kan itti hinkennine ta‟uun isaa bira gahameera. Dhumarrattis, qorattuun fayyadama Afaan Oromoo ilaalchisee Mootummaan Naannoo Oromiyaafi biiroon aadaaf turiizimii kallattii garaagaraan haala jiru irratti hundaa‟ee labsiifi qajeelfama baasuu akka qabu, akkasumas, qajeelfama bahees hojirraa oolmaa isaa gulaaluu, hordofuufi to‟achuu, kan kana bira tare tarkaanfii seeraa irratti fudhachuu akka danda‟aniif aangoo qaama dhimmi ilaallatuu kennuufi waajjirri aadaaf turizimii magaalichaas dhimmicha karoora hojii isaa keessa galfachuun irratti yoohojjete furmaata rakkoo kanaa nita‟a jettee amanti.