Qaacceessa Sirna Dhagaa Qeerroo Godina Horro Guduruu Wallaggaa Aanaa Amuruu Keessatti

dc.contributor.advisorTaliilaa, Xilaahuun (PhD)
dc.contributor.authorAluulaa, Zarihuun
dc.date.accessioned2019-04-17T12:17:25Z
dc.date.accessioned2023-11-30T04:25:44Z
dc.date.available2019-04-17T12:17:25Z
dc.date.available2023-11-30T04:25:44Z
dc.date.issued2018-08
dc.description.abstractQorannoon kun qaaccessa sirna dhagaa qeerroo irratti xiyyeeffata.Kana keessatti waantonni qaacceeffaman, akkaataa raawwii dorgomii dhagaa qeerroo,hirmaatota dogomii dhagaa qeerroo addaan baasuufi faayidaafi afwalaloolee yeroo raawwii sirnaa ibsuufi sirnoota garaa garaa yeroo dorgomii kanaa taasifaman qaaccessuudha.Ka’umsi qorannoo kanaas qorataan dhimma kana qoratee bira gahuuf fedha guddaa qaburraa ka’uun artiiduudhaan kun akka hin dagatamneef dhaloota har’aa beeksisuun dhaloota booruuf olkaa’uudha.Kaayyoo kana galmaan ga’uufis mala qorannoo akkamtaa (qualitative) dhimma baheen jira.Madda ragaa qorannoo kanaa ilaalchisee, mala iddatteessuu miti carraan gargaaramuun odeefkennitoota waa’ee sirna dhagaa qeerroo beekan maanguddootaafi namoota naannoo qorannichi irratti gaggeeffamue keessaa kaayyoo qorannichaa galmaan gahuu danda’an odeeffannoo kennameen mala akkayyoon kanneen filatamanirraa odeeffannoo funaannachuun mala qorannoo ibsaatti dhimma bahuun qaaccesseera.Mala funaansa odeeffannoo ilaalchisee af-gaaffii, daawwannaa, marii gareefi dookimantiiwwan sakatta’uun odeeffannoon funaanaman jechaan qaacceffamanii jiru.Bu’aan qorannoo kanaa akka agarsiisutti dhagaan qeerroo uumanni aanaa Amuruu kanaa ga’umsaafi cimina dargaggoota isaanii kan ittiin adda baafataniifi itti gaafatamummaa kan itti kennataan ta’uun hubatamee jira. Akkasumas qeerroon dhagaa qeerroo hin yaabbanne hawaasa naannoo biratti kan safuu hin eegneef kabaja kan hin qabne ta’uu isaa mul’isa qeerroon dorgomii kana mo’ateef hawaasi nannoo kabajaafi badhaasa farda meeshaa isaan miidhage waliin kennaaf qeerroonis qeerrummaa isaa kan ittiin mirkaneessudha. Kana malees nyaata aadaafi dhugaatii sirbi,weedduufi geerarsi adda addaa yeroo dorgomii kanaa ni gaggeeffama. Walumaagaltti bal’inaan qoratamee bifa kitaabaan barreeffamee dhaloota har’aa beeksisuufi dhaloota booriif ol kaa’uuf waajjira aadaaf Turizimii A/Amuruufi Hawaasi naannoo hundi xiyyeeffannoo itti kennuun osoo irratti hojjetameen yaboo qorannoo kanaati.en_US
dc.identifier.urihttp://etd.aau.edu.et/handle/123456789/18016
dc.language.isoom-ETen_US
dc.publisherAddis Ababa Universityen_US
dc.titleQaacceessa Sirna Dhagaa Qeerroo Godina Horro Guduruu Wallaggaa Aanaa Amuruu Keessattien_US
dc.typeThesisen_US

Files

Original bundle
Now showing 1 - 1 of 1
No Thumbnail Available
Name:
Zarihuun Aluulaa.pdf
Size:
3.4 MB
Format:
Adobe Portable Document Format
License bundle
Now showing 1 - 1 of 1
No Thumbnail Available
Name:
license.txt
Size:
1.71 KB
Format:
Plain Text
Description: