Xiinxala Hiikkaa Abjuu

dc.contributor.advisorNagaasaa, Mulugeetaa (PhD)
dc.contributor.authorDabaloo, Ayyalaa
dc.date.accessioned2019-04-18T07:42:11Z
dc.date.accessioned2023-11-30T04:25:44Z
dc.date.available2019-04-18T07:42:11Z
dc.date.available2023-11-30T04:25:44Z
dc.date.issued2017-08
dc.description.abstractKaayyoon qorannoo kanaa inni guddaan hiikkaa abjuu Oromoo Aanaa Guutoo Giddaa xiinxaluun akkaataa adeemsa abjuu hiikuu Oromoo addaan baasee beekuun kanaan dura afaaniin qofa kanture barreefamaan akka raga bu‟uuraatti taa‟ee dhaloota dhufuuf akka darbu gochuudha. Kaayyoo kana galmaan ga‟uuf qorannichi gaaffilee bu‟uuraan qajeelfamuudhaan dhimmoota ka‟uu qaban kaasuun ilaaluuf yaalii godhee jira. Qorannicha geggeessuu keessatti malli qorannoo akkamtaa hojiirra oolee jira. Odimtoonni qorannichaas tooftaa iddatteessuu mit-carraa keessaa iddatteessuu akkaayyoo fayyadamuun jiraattota Oromoo aanichaa kan ta‟an keessaa mangudoota kudha afur akka iddattootti filatamanii jiru. Odeeffannoo barbaachisoo ta‟anis meeshaalee oddeeffannoon ittiin funaanamu keessaa afgaaffiifi marii garee xiyyeeffannootiin funaanamee jira. Kunis jechaan ibsamee qaaccefamee hiikni itti kennameera. Argannoon qorannoo kanaa bu‟uurri ogummaa abjuu hiikuu muuxannoo yeroo dheeraa, umuriifi kennaa waaqayyoo ta‟ee taateewwan abjuufi muuxannoon qabatamaa jireenya nama abjo‟atee walitti hidhamaa ta‟uu isaa agarsiisee jira. Gama biratiin malleen abjuu hiikuuf namoonni itti fayyadaman bifa addaa addaan ta‟ee beekumsa nama abjuu hiikuufi haalota abjo‟ataan keessatti abjo‟atee bu‟uureffachuun hiika itti kennuun bayyee barbaachisaa akka ta‟e qorannichi agarsiise jira. Kanaafuu hojiin adeemsa abjuu hiikuu saayinsiifi aartiidha jechuun ni danda‟ama. Seeraafi qajeelfama abjuu hiikuu ilaalchisee akka argannoo qorannoo kanaatti namoonni abjuu hiikuun seeraafi qajeelfama akka qabu haa amananillee malee furtuuwwan dhaabbatoon abjuu hiikuuf itti fayyadaman waan hin jirreef seerriifi qajeelfamni bu‟uura ta‟e kan hin jirre ta‟uu isaa argamee jira. Itti dabaluun yaanni abjuu keessatti kuusaa yaadannoo dhuunfaa, mudannoo darbeefi kan ammaa, fedhiifi hawwii nama abjo‟ate sanaa keessaa waan madduuf dhugummaa raawwii hiikkaa abjuuf kenname mirkaneeffachuun ulfaataa akka ta‟e argannoon qorannichaa mullisee jira.en_US
dc.identifier.urihttp://etd.aau.edu.et/handle/123456789/18037
dc.language.isoom-ETen_US
dc.publisherAddis Ababa Universityen_US
dc.titleXiinxala Hiikkaa Abjuuen_US
dc.typeThesisen_US

Files

Original bundle
Now showing 1 - 1 of 1
No Thumbnail Available
Name:
Ayyalaa Dabaloo.pdf
Size:
1.55 MB
Format:
Adobe Portable Document Format
License bundle
Now showing 1 - 1 of 1
No Thumbnail Available
Name:
license.txt
Size:
1.71 KB
Format:
Plain Text
Description: