Repository logo
  • English
  • Català
  • Čeština
  • Deutsch
  • Español
  • Français
  • Gàidhlig
  • Italiano
  • Latviešu
  • Magyar
  • Nederlands
  • Polski
  • Português
  • Português do Brasil
  • Srpski (lat)
  • Suomi
  • Svenska
  • Türkçe
  • Tiếng Việt
  • Қазақ
  • বাংলা
  • हिंदी
  • Ελληνικά
  • Српски
  • Yкраї́нська
  • Log In
    New user? Click here to register. Have you forgotten your password?
Repository logo
  • Colleges, Institutes & Collections
  • Browse AAU-ETD
  • English
  • Català
  • Čeština
  • Deutsch
  • Español
  • Français
  • Gàidhlig
  • Italiano
  • Latviešu
  • Magyar
  • Nederlands
  • Polski
  • Português
  • Português do Brasil
  • Srpski (lat)
  • Suomi
  • Svenska
  • Türkçe
  • Tiếng Việt
  • Қазақ
  • বাংলা
  • हिंदी
  • Ελληνικά
  • Српски
  • Yкраї́нська
  • Log In
    New user? Click here to register. Have you forgotten your password?
  1. Home
  2. Browse by Author

Browsing by Author "Sinqinash Alamuu"

Now showing 1 - 4 of 4
Results Per Page
Sort Options
  • No Thumbnail Available
    Item
    Qaaccessa Ergaa Asoosama Dheeraa “Dhiigni Dhiiga Hin Dhabuu”
    (Addis Ababa University, 2021-02-01) Alamii Buusaa; Sinqinash Alamuu
    Kaayyoo gooroon qorannoo kanaa qaacceessa ergaa asoosama dheeraa „dhiigni dhiiga hindhabu‟ yoo ta‟u kunis ergaawwaan asoosamicha keessatti argaman adda baasuu, ga‟ee tokkoon tokkoon caacculee asoosamichaa eraaf gumaachaniifi haala qabatamaan hawaasa keessatti mul‟atu asoosama „dhiigni dhiiga hin dhabu‟ jedhu keessatti qaban ibsuudha.Milkaa‟ina kaayyoo kanaafis kitaaba asoosamaa „Dhiigni dhiiga hin dhabu‟ jedhu bifa sakkatta‟a dookumentiin sakkatta‟ameera.Qorannoon tokko mala ittiin adeemsifamuu qaba. Kunis mala qorannoo akkamtaatti gargaaramuun qorannoon kun adeemsifameera. Akkasumas iddattoo akkayyootti tajaajilamuun qorannoon kun gaggeeffameera. Gosoonni ergaawwan asoosama keessatti argaman, ga‟ee caacculeen asoosamichaa ergaa dabarsuuf gumaachaniifi haala qabatamaa mul‟atuufi ergaan asoosamichaa hammam akka walgitu akka mul‟atu ibsamera. Kunneen immoo ergaawwan jiran tokkoon tokkoon isaanii bifa siyaasaan, diinagdee, hawaasummaafi haala seenaan kan ibsamaniidha.
  • No Thumbnail Available
    Item
    Qaaccessa Malleen Dubbii Fi Sureessuu Walaloo ‘Obomboleetti’ Keessatti
    (Addis Ababa University, 2019-06) Sinqinash Alamuu ; Xilahuun Taliilaa
    Kaayyoo gooroon qorannoo kanaa gosoota malleen dubbiifi sureessuu walaloo ‘Obomboleetti’ keessatti argaman adda baasuu, hariiroo malleen dubbiifi sureessuu ibsuufi gahee malleen dubbiifi sureessuun walaloo ‘Obomboleettii’ keessatti qaban ibsuudha.Milkaa’ina kaayyoo kanaafis kitaaba walaloo ‘Obomboleettii’ jedhu bifa sakkatta’a dookumentiin sakkatta’ameera.Qorannoon tokko mala ittiin adeemsifamuu qaba. Kunis mala qorannoo akkamtaatti gargaaramuun qorannoon kun adeemsifameera. Akkasumas iddattoo akkayyootti tajaajilamuun qorannoon kun gaggeeffameera. Gosoonni malleen dubbii walaloo kana keessatti argamanis lakkoofsaan sagali. Isaanis: nameessuu, akkasa, mitihee, iddeessuu, atee, arbeessuu, tuqseefi mallattoo.Gosoonni Sureessuu walaloo kana keessatti argaman immoo sadii.Isaaniis argee, dhageettifi keessoo miiraati. Hariiroo malleen dubbiifi sureessuun qaban keessaatti malleen dubbii galtee sureessuuti.Kanumaan walqabatee malleen dubbii mallattoo,arbeessaafi iddeessi galtee sureessuu argee ta’uun; malleen dubbii akkasaafi arbeessiimmoo galtee sureessuu keessoo miiraati. Akkasumas malleen dubbiifi sureessuun dhimmoota ifatti dubbachuuf rakkisaa ta’an golganii yaadasaa uummata biraan gahuu keessatti gahee olaanaa akka qabu argannoo keessatti eerameera.
  • No Thumbnail Available
    Item
    Qaaccessa Waldhabbii Asoosama Dheeraa Hiree Jal’atte
    (Addis Ababa University, 2021-09) Gammachuu Tufaa; Sinqinash Alamuu
    Kaayyoon gooroo qorannoo kanaa malleen dubbii kitaaba walaloo “QARQABA” keessatti argaman addaan baasuun qaaccessuudha. Milkaayina kaayyoo kanaafis kitaaba walaloo “QARQABA” jedhu bifa sakatta’a dookumeentiin sakatta’ameera.Qorannoon tokko mala ittiin adeemsifamu qaba.Haaluma kanaan qorannoo kana keessatti malli qorannoo akkamtaa hojiirra ooleera. Akkasumas iddattoo akkayyootti tajaajilamuun qorannoon kun gaggeeffameera. Gosoonni malleen dubbii kitaaba walaloo kana keessatti argamaniis lakkoofsan saddet yoo ta’an, isaanis: nameessuu, akkasaa, arbeessuu, iddeessuu, mitihee, tuqsee, ateefi mallattoodha. Malli dubbii kitaaba walaloo kana keessatti hin argamne agiboo yoo ta’u, kun immoo akka argannoo hojii qorannoo kanaatti heeramee jira. Dabalataanis malli dubbii kitaaba walaloo kana keessatti akka haala salphaa ta’eeniifi wanta jedhamuuf yaadameen alatti dubbisaan yookaan dhaggeeffataan yaada waloo hubatuuf malli dubbii gargaaruun isaa argannoo hojii qorannoo kanaati. Qammolee ijaarsa walaloo keessa qorannoon kun mala dubbii qofa kan ilaalu waan ta’eef, qorannoon biraa qaamota biraa kitaaba walaloo kanarratti osoo adeemsifamee kan jedhu, yaada furmaata qoratichi lafa kaa’edha.
  • No Thumbnail Available
    Item
    Xiinxala Walaloo Qooqa Miiraa Ija Yaaxina Bifiyyeetiin
    (Addis Ababa University, 2021-09) Huseen Musxafaa; Sinqinash Alamuu
    Walaloon Ogbarruuwwan Oromoo keessaa umurii dheeraa qabaachuun beekamudha. Qorannoon kunis mata duree “Xiinxala Walaloo Qooqa miiraa Ija yaaxina Bifiyyeetiin” jedhu irratti kan xiyyeeffatedha. Kaayyoon qorannoo kanaa inni guddaan walaloo "Qooqa miiraa" ija yaaxina bifiyyeetiin xiinxaludha. Kanumaan wal qabatee qorannoon kuni kaayyoo gooree isaa walaloo "Qooqa Miiraa" keessatti sadoommiiwwan akkaataa kamiin akka hojii irra oolaniifi ijaaramoonni kanneen akka birsagaa, yeedaloo, bilbila sagalee, sararaafi filannoon jechootaa Walaloo “Qooqa Miiraa” keessatti argamanii maal akka fakkaatuufi akkamiinis akka hiikaaf gumaachanis bal’inaan kan ilaalamanidha. Itti fuufudhaan Qorannoon kuni boqonnaalee tokkoo hanga shanitti jiran kan of keessatti hammatu yemmuu ta’u, boqonnaa tokkoffaa keessatti seensa qorannichaatu ilaalame,itti aansuun boqonnaa lammaffaa keessatti immoo sakkatta’a barruutu hojii irra oole, akkasumas boqonnaa sadaffaa keessatti immoo hiikaafi xiinxala ragaaleetiif iboqonnaa afraffaa keessatti immoo guduunfaa, argannoofi yaboo yookiin yaada furmaataatu hojjatame jechudha.kanaaf Walaloo Qooqa miiraa irratti qorannoon ija yaaxina bifiyyeetiin waan hin adeemsifamneef ragaalee barbaachisoo ta’an tokko tokkoon duukaa bu’uun bifiyyeen walaloo kanaa maal akka fakkaatu ibsameera. Dabalataanis, qorannoo kana keessatti wabiileen hojii kanaaf dhimma irra oolan akkaataa seera mataa isaa eegeen kan ka’amedha. Kanuma irraa ka’uun malleen qorannoo jiran keessaa mala akkamtaatti dhimmi bahamuun kan hojjatamedha. Innis madda ragaalee kanneen akka kitaabolee , barruulee fi waraqaalee qoraannoo adda addaatti dhimma bahamuun kan hojjatamedha.Walumaa galatti qorannoon kuni kan inni irratti xiyyeeffannoon hojjatame haala fayyadama sadoommiiwwan walaloo Qooqa miiraa keessatti argaman irrattidha.

Home |Privacy policy |End User Agreement |Send Feedback |Library Website

Addis Ababa University © 2023