Browsing by Author "Lammaa, Ababaa"
Now showing 1 - 2 of 2
Results Per Page
Sort Options
Item Qaaccessa Fayyadama Afaanii Dubartoota Ibsuuf Oolan :Haala Godina Shawaa Lixaa Aanaa Amboo Keessatti(Addis Ababa University, 2018-08) Lammaa, Ababaa; Barkeessaa, Addunyaa (PhD)Qorannoon kun mata-duree qaacceessa fayyadama afaanii dubartoota mul‟isan ooluuf kan jedhu irrtatti gaggeeffama.kaayyowwan qorannichaa ammo fayyadama afaanii dubartootaa ibsuf oolanu, xinxaluufi fayyadama afaanii dubartootaa gad-aantummaa ibsan addaan baasuu,fayyadama afaani wal-qixxummaa agarsiisan himuufi fayyadama afaanii ga‟oomsuuf dubartootaa adda baasanii agarsiisaniidha.kaayyoowwan galmaan ga‟uuf malli dhimma itti bahamee akkamtaadha.Ragaaleen qorannichaaf barbaachisan immoo af-gaaffiifi marii gareetiin walitti qabame.Ragaaleen roga garaagarraa irratti meeshaalee armaan olitti ibsamaniin walitti qabaman kunniin mala darbaandabarsaatti fayyadamuun qoqqoodamuun boqonnaa afur jalatti jechaan, fayyadama afaanii gad-aantummaa dubartootaa mul‟isan, fayyadama afaanii wal-qixxummaa dubartootaa mul‟isanfi fayyadama afaanii dubartoota ga‟oomsuun ibsan tartiibaan qaacceffamaniiru.Argannoo kanneen irraa ka‟uun yaboo armaan gadii kaa‟ameera..Itti fayyadama afaannii gad-aantummaa dubartootaa mul‟isan dhabamsiisuuf qaamni dhimmi ilaalatu kamiyyuu irratti hojjachuu akka qabu ,itti fayyadama afaanii wal-qixxummaa dubartootaa ibsanirratti hawaasnis ta‟e dubartonni cimanii hojjachuu akka qaban, dubartoota gahoomsuuirratti qaban kamuu qooda fudhachuu akka qabuufi itti fayyadama afaanii ciimina dubartootaa ibsan caalatti hojjitti hiikuufi warreen gad-aantummaa dubartootaa ibsan dhabamsiisuurratti hawaasa keenya keessatti jijjiramni guddaan akka mul‟atuufi dhiibbaa karaa hawaasummaa mul‟atuufi xiin sammuu dubartootaa irratti geessisuun mul‟atuu dhabamsiisuuf xiyyeeffatame irratti hojjatamu akka qabufi dubartoonnis, jijjirama amma mul‟achaa dhufee keessatti ofitti amanamummaa fudhachuun ,caalatti hirmaachuun kakka‟umsa akka taasisan gaaffatti.Item Qaaccessa Sirna Hammachiisaa Qaalluu Giiftii Dinqituutiin Raawwatamu(Addis Ababa University, 2019-08) Lammaa, Ababaa; Nagaasaa, Mulugeetaa (PhD)Qorannoon kuni, Qaaccessa Sirna Hammachiisaa Qaalluu Aanaa Ada‟aa Giiftii Dinqituutiin Raawwatamu irratti kan xiyyeeffateedha.Ka‟umsifi kaayyoon qorannoo kanaa mataduree kana jalatti maqaan Oromoofi Oromummaa ibsu, aadaan, seenaan, safuun waaqeffattootafi qaalluun Oromoo Nafxanyootafi kanneen birootiin dhiibbamee badaa waan turee qoratamee barreeffamaan qaaccessee olkaa‟uufi dhaloonni akka irraa baratu taasisuudha.Qaalluun beekaafi riqicha uumaafi uummamaa ta‟ee tajaajila hedduu qaba.Maqaan ibsituu eenyummaa saba tokkoo yoo ta‟u,sirna hammuutiin kan kennamu Oromoofi Oromummaa darbees aadaafi seenaa waliin walqabatee falaasama saba Oromoo kan calaqqisiisu ta‟uu isaa raagaa dhugaafi amansiisaa ta‟een deeggaramee ibsameera. Odeeffannoon qorannoo kanaa madda ragaa 1ffaa maanguddoolii Oromoo naannoo sanaafi madda ragaa 2ffaa barruuwwan adda addaa irratti kan xiyyeeffate yoo ta‟u, iddaattoon qorannoo kanaas mala akkayyoofi darbaa dabarsaa ta‟uu isaa ibsameera.Akkasumas malleen funaansa ragaa qorannoo kanaa afgaaffii, daawwannaafi marii garee waan ta‟eef, haalli sirni hammachiisaa itti raawwatamu tartiiban malleen qorannoo kanneenin qindeeffamee qoodamuun qaacceffamaniiru. Dabalataan sirni hammachiisaa yoomeessa mataa isaa kan qabuu yoo ta‟u, miira bultee ayyaanaafi ayyaantuwwanii kan eegudha.Fakkoommifi fookiloorii sirna hammuu keessa jiran marti ibsamaniiru.Kunis falaasama hawaasa naannoo sanaan jaalatameefi labata waa barsiisudha. Nafxanyoonni amantaa, aadaa, safuufi sirna hammachisaa maqaa Oromoofi Oromummaa ibsu jibbanii dhiibuun masaraa Qaallichaa/Qaallitti gubanii bataskaanfi maskiidaa Oromiyaa keessatti ijaaraa turaniiru.Haalli kun dhala Oromoo Oromummaa himatuufi ibsatu irratti rakkoo cimaa ta‟aa waan dhufeef falli isaa sirna Hammachiisaafi Gubbisaa fakkoomifi fookiloorii isaa waliin uummanni Oromoo jabeessee eeggachuufi dagaagsuu qabu.Qaalluun qulqulluu riqichaa uumaaafi uummamaati waan ta‟ee jibbamuu hinqabu.Maqaalee dur abaabileen baasaa turan daa‟ima ofiitif baasuufi kan amantii biraa keessa jiru ammoo baasufii dhiisuu qabu.Namni dhiigaan Oromoo ta‟ee maqaa alagaatiin waammamu karaa seeratiin Bu‟uura Seera Hariiroo Hawaasaa Keewwata 43 (afurtamii-sadi) tiin ofirraa galchuun kan ofiitiin waammamuu qaba yaanni jedhu qabatamaafi amansiisaa ta‟ee mul‟ateera.