Browsing by Author "Galatee Taarreqeny"
Now showing 1 - 1 of 1
Results Per Page
Sort Options
Item Qaaccessa Asoosama Dheeraa “Dhamaatee Harmee” Qorattuun: Galatee Taarreqeny(Addis Ababa University, 2021-09) Galatee Taarreqeny; Asafaa Tafarraa (PhD)Kaayyoon gooroo qorannoo kanaa gosoota waldhabbii asoosama dhamaatee harmee jedhu keessatti argaman adda baasuun qaaccessuudha. Milkaa’ina kaayyoo kanaafis kitaaba asoosama“Dhamaatee Harmee” jedhu bifa sakkata’a dookumentiin sakkatta’ameera. Qorannoon tokko mala ittiin adeemsifamu qaba. Qorannoon kunis mala qorannoo akkamtaatti gargaaramuun kan adeemsifameedha. Akkasumas mala iddatteessuu keessaa ammoo mit-carraa keessaa akkayyootti fayyadamuun kan geggeeffameedha. Gosoonni waldhabbii asoosama kana keessatti argamanis lakkoofsaan afuri.Isaanis waldhabbii qooddattaafi qooddattaa, waldhabbii qoddattaafi sammuu isaa, waldhabbii qooddattaafi uumaafi waldhabbii qooddattaafi uumamaati. Haaluma kanaan gosoonni waldhabbii kun kaayyoowwan gooree qorattuun kun kaayyefattee kaatte irratti hunda’uun walduuraa duubaan qaacceffamaniiru. Dhuma irrattis qorattuun kun argannoowwanfi yaadota furaamataa keessee jirti.