Browsing by Author "Duulaa Kafanaa"
Now showing 1 - 2 of 2
Results Per Page
Sort Options
Item Agarsiistuuwwan Eenyummaa Oromoo Tuulamaa Magaalaa Finfinnee 1886 kaasee hanga ammaatti: Xiinxala Waallee Liixxaa Afeewwan Irratti(Addis Ababa University, 2025-04-30) Duulaa Kafanaa; Addunyaa BarkeessaaKaayyoon gooroo qorannoo kanaa agarsiistuuwwan eenyummaa Oromoo Tuulamaa Finfinnee bara 1886 moggaasni maqaa “Addis Ababaa” jedhu kennamuurraa kaasee seeneffamu afeewwan keessaa xiinxaluudha. Giddugalli Oromiyaa har‟a Finfinnee jedhamu jalqaba weerarri irratti geggeeffamuun buufata moototaa waan taateef Afaan, Aadaafi Eenyummaan Oromoo akka hindagaagne bakka itti taasifamaa tureedha. Dhiibbaa kanaan maqaa haaraadhaan magaalaan „Addis Ababaa‟ akka hundooftu ta‟e. Maqaa jijjiiruun eenyummaa haaraa barbaaduudha (Penick, 2019). Finfinneen giddugala siyaas-diinagdee ta‟uun mootonni aadaa, afaaniifi eenyummaa ofii isaanii irratti babal‟ifachaa turan. Ammas giddugala siyaas-diinagdeeti. Kana keessa Oromoon Tuulamaa Finfinnee, eenyummaa isaa akkamitti akka ijaarratuufi ibsatu afeewwan keessa xiinxaluun qoratame.Saxaxni qorannoon ittiin geggeeffame, qorannoo akkamtaa dhimma hawaasaa akka miira isaanitti xiinxaluu waan ta‟eef ibsa,hiikaafi balballoomsaan xiyyeeffatame. Maddi ragaa qorannoo kanaa madda ragaa tokkoffaafi lammaffaadha. Malleen iddatteessuu kaayyeeffataafi eeruutti dhimma bahame. Ragaan afgaaffiifi xiinxala barruuwwaniin walitti qabame liixxaadhaan xiinxalame. Irra caalatti dalagaa hawaasaaf xiyyeeffannaan laatamee jira. Xiinxala geggeeffameen akkaataa Oromoon Finfinnee eenyummaa isaanii itti ibsaniifi ijaaran hubatamee jira. Maqaaleen agarsiistuuwwan eenyummaa keessaa tokko ta‟uun eenyummaa bakkaafi hawaasa maqicha baasee agarsiisanii jiru. Maqaaleen Oromoon Tuulamaa Finfinnee bakkeewwaniif baasan maqaa araddaalee, maqaa bakkeewwan sirnaafi maqaa gosaa waan ta‟aniif agarsiistuu eenyummaa hawaasichaati. Maqaa bakkeewwanii kanneen jijjiiruun eenyummaan ture jijjiirame. Akkasumas,afaan agarsiistuu eenyummaa hawaasaa ta‟e afaan biraatin caalamuun dalagaa hawaasaa irraa daanga‟ee eenyummaan isaa sarbamee mul‟ata. Sirnoonniifi bakkeewwan sirnaa eenyummaa garee dalaga hawaasaatiin itti hidhatu agarsiisan tajaajilli oolaniif, akkasumas, gareen dhimma itti bahu jijjiiramuun hubatamee jira. Tarsiimoo waallaawaan ofibsuun, dhiibbaan godaanuufi jijjiirama eenyummaa mormachuun afeewwan ogafaaniin ibsa eenyummaa taasisan qabu. Dhimmoota hawaasaa kanneen jijjiiruun eenyummaan bakkaafi garee hawaasaa jijjiirame. Yeroodhaa yerootti deebisee ijaaruuf mormii adda addaaf saaxilame. Ilaanyaan garee hawasaa adda addaa afaaniifi sirnoota Oromoo Tuulamaa Finfinnee iraatti mul‟atan. Yeroo ammaa kana bulchiinsi magaalaa Finfinnee akkuma ijaarsaafi babal‟ina magaalaa taasisu eenyummaa Oromoo Tuulamaa sirnoota darban keessa sarbame deebisee ijaaruun hariiroo gareewwanii dhugaarratti hundaa‟e uumuuf hambaa aadaafi seenaa hawaasichaa kununsuufi misoomsuun barbaachisaadha. Mootummaan Federaalaa Imaammata afaanii sirrii hojiirra oolchuun xiyyeeffannaa Afaan Oromoof malu laachufiin irraa eegama. Akkasumas, mootummaan naannoo Oromiyaa karaa BATO, GAO, IQQO, BBO agarsiiftuwwan eenyummaa Oromoo Tuulamaa giddugala Oromiyaa kanaa jijjiirame deebisee damdamachiisuufi misoomsuun murteessaadha. Gama biraatiin, miidiyaaleen eenyummaa hawaasaa kana irratti hubannoo uumuuf qooda qabaachuun irraa eegamaItem Agarsiistuuwwan Eenyummaa Oromoo Tuulamaa Magaalaa Finfinnee 1886 kaasee hanga ammaatti: Xiinxala Waallee Liixxaa Afeewwan Irratti(Addis Ababa University, 2025-04-10) Duulaa Kafanaa; Addunyaa BarkeessaaQorannoon kun kan adeemsifame itti fayyadama afaanii laguuf lagannaa fuudhaaf heeruma Oromoo Godina Arsii Aanaa Leemmuuf Bilbiloo irrattidha. Kaayyoon qorannoo kanaa inni ijoon itti fayyadama Afaanii laguuf lagannaa fuudhaaf heerumaa ilaalchisee Oromoo Aanaa Leemuuf Bilbiloo biratti mul‟atu addaan baasuun ibsuufi. Akkasumas maqaafi gochoota fuudhaaf heeruma keessatti lagataman addaan baasuufi gahee fayyadamni afaanii kun hariiroo hawaasummaa keessatti qabu addaan baasuun barreeffamaan qindeessuudha. Kaayyoo kana galmaan gahuuf malli qorannoo hojiirra oole mala qorannoo akkamtaati. Isa kana galmaan gahuuf mala filmaata iddattoo kaayyeffataa bu‟uura godhachuun odeeffannoon barbaachisaa ta‟e madda ragaa jalqabaarraa waliti qabameera. Maddi ragaa jalqabaa maanguddoota fayyadama afaanii lagannaa maqaafi gochoota fuudhaaf heerumaarratti hubannoo gahaa qabaniidha. Ragaaleen kunniinis karaa meeshaa funaansa odeeffannoo af-gaaffiifi marii gareen funaaname. Maqaaleefi gochaaleen kun kan lagatamaniif kabajaaf, xiinsammuu namaa eeguufi jaalala nama barsiisuufidha. Kun irracaalaatti jiraattota baadiyyaa biratti yeroo ammaallee kan mul‟atuudha. Kanas garee hawaasaa jiran keessaa maanguddoonniifi dubartootni kan itti fayyadaman yoo ta‟an dargaggootaafi shamarran biratti fayyadamni kun gadaanaadha. Namoonni muraasni yeroo akkaataa aadaa/duudhaa hawaasichaa hin eegin yeroo fayyadaman ni mul‟atu. Kunis sababa aadaa biraa/qaroomina of fakkeessuun yeroo kan hawaasichaa dhiisanii gara biraatti harkifaman ni mul‟atu. Kunimmoo waliin jireenya hawaasaa irratti dhiibbaa uumeera. Waan kana ta‟eef aadaa ofii wallaaluun eenyummaa ofii wallaaluu waan fiduuf dhaloonni ammaa aadaa sabasaa kunuunsee dhaloota dhufuuf dabarsuuf dirqama isarraa eegamu bahuufi qaamni dhimmi ilaallatu hundi xiyyeeffannoo guddaa itti kennuu qaba.