Browsing by Author "Ajaa"ibduu Beenyaa"
Now showing 1 - 1 of 1
Results Per Page
Sort Options
Item Xiinxala walsimannaa fi garaa garummaa dandeettii barreessuu barattoota Afaan Oromoo akka afaan tokkoffaa fi afaan lammaffaatti baratan kutaa 9:xiyyeeffannaa mana barumsaa Ifa BoruueEekkaa daallee sad.2ffa.(Addis Ababa University, 2025-04-20) Ajaa"ibduu Beenyaa; Dinqeessaa DheeressaaQorannoon kun mata-duree,Xiinxala Walsimannaafi Garaagarummaa Dandeettii Barreessuu Barattoota Afaan OromooAkka Afaan Tokkoffaafi Afaan Lammaffaatti Baratan Kutaa 9:Xiyyeeffannaa Mana Barumsa Ifa Boruu Eekkaa Daallee Sad.2ffaa jedhurratti xiyyeeffachuun kan gaggeeffamedha.Hanqinoonni gama dandeettii barreessuutiin jechuun,jechoota qubee sirriin barreessuu dhabuu,himoota, sirna tuqaalee bakka barbaachisutti fayyadamuu dhiisuu akkasumas, keeyyata qindeessanii barreessuu dhabuun barattootaa mul’atu guddina afaanichaaf gufuu guddaadha. Kanaafuu, kaayyoon qorannoo kanaa, walsimannaafi garaagarummaa dandeettii barreessuu barattoota afaan Oromoo akka afaan tokkoffaafi afaan lammaffaatti baratan xiinxaluun madda garaagarummaa kanaas adda baasuun rakkoo kanaaf furmaata kaa’uudha.Malli qorannoo kana keessatti dhimma itti bahames,mala qorannoo akkamtaafi hammamtaati. Meeshaalee funaansa ragaalee qormaata barattootaafi af-gaaffii barsiisotaatti gargaaramteetti. Kana filachuuf immoo malli iddattoo miti carraa hojiirra ooluun qorannoon kun adeemsifameera. Iddattoo kana keessaa qorattuun mala iddattoo akkayyoo fudhateetti. Barattoota irrattimmoo mala iddattoo carraa tasaa fayyadamteetti.Odeeffannoon qormaata barattootaafi afgaaffii barsiisotaan walitti qabames, mala ibsaatiin (mala lakkoofsaafi jechaan) ibsamuun qaacceffamuun hiikni itti kennameera. Kanuma bu’uura godhachuun, argannoon bira gahamees caasaa himaa eeganii barreessuu dhabuu, seeraan qubeessuu dhabuu, sirna tuqaalee sirriitti fayyadamuu dhabuu fi barreeffamni isaanii qindaa’ina dhabuu ti. Maddi hanqinoota dhimmoota kanneenii qorannoo kana keessatti adda bahes,fedhii barattoonni afaan Oromoo barachuu dhabuu,barattootni afaan Oromoo akka afaan lammaffaatti baratan afaan Oromoo baraachuu kan jalqaban erga sadarkaa 2ffaa ga’anii ta’uu,barattoonni barnoota sadarkaa tokkoffaa keessatti waa’ee jechoota barreessuu, jechoota qindeessanii himoota barreessuu, sirna tuqaalee eessatti fayyadamuu akka qaban, caasaa himaafi qindoo mina himaa sirritti osoo adda baasnii hin beekin gara kutaa 9ffaatti darbuu, afaan birootti afaan hiikkachuu, hanqina shaakala barreessuu gahaa gochuu dhabuu, sirni barnootaa qophaa’ee jiruufi gochaaleen kitaaba barattootaa keessatti barreessuurratti kaa’amaniifi wayitiin barnootaa kenname muraasa ta’uu, hordoffiifi deeggarsi barsiisotni kennanillee laafaa ta’uusaati. Xumurarratti,rakkoo dandeettii barreessuu barattoota Afaan Oromoo akka afaan tokkoffaatti barataniifi afaan lammaffaatti baratanii fooyyessuuf, sadarkaa gadiitti seera barreeffama Afaan Oromoo adda baafatanii akka dhufan barsiisonniifi qaamni ilaallatu hundi xiyyeeffannoon irratti hojjechuu, shaakala barreessuu walirraa adda hincinne taasisuu, Gilgalootaafi gochaalee barreessuu jiran akka hojjatan jajjabeessuu , barattootaaf gochaalee shaakala barreessuu gahaa kennuufi duub-deebii keennaa deemuu,barsiisotaaf leenjiifi carraa barnootaa adda addaa kennuun dandeettii isaanii akka fooyyeffatan taasisuun ciminaan hojjetamuu qaba.