Browsing by Author "Yitbaarak, Abbabach"
Now showing 1 - 1 of 1
Results Per Page
Sort Options
Item Qaaccessa Fookiloriiwwan Guddisa Ijoollee Oromoo: Haala Qabatamaa Aanaa Ada’aatiin(Addis Ababa University, 2019-08) Yitbaarak, Abbabach; Jaalataa, Taaddasaa (PhD)Qorannoon kun fookiloriiwwan guddisa ijoollee oromoo: Haala qabatamaa aanaa Ada‟aatiin xiinxaluun kan dhiyaate yommuu ta‟u boqonnaawwan shan kan qabateedha. Kaayyoo gooreen qorannoo kanaa Ogafaanota guddisa ijoolleef oolan kanneen akka: huruursa daa‟immanii, jechama, mammaaksa, hibboo, durdurii, tapha ijoollee, geerarsafi faayidaa ogafaan ijoolleef qabu kanneen akka: aadaafi duudhaa hawaasaa eegsisuu, ijoollee ogummaafi dandeettii qaban uumuu, jireenya ijoollee kan fuula duraa mijeessuu, bashannansiisuu, barsiisuu, miliqsuu, cimsuufi dandeettiiwwan afaanii gabbisuu ibsuudha. Madda ragaa ta‟anii kan fudhataman maanguddoota Oromoo kanniin dhimma kana irratti muuxannoo qabaniifi odeeffannoo bal‟aa kennuu danda‟u jedhamanii eeraman, hojjettoota waajjiraa kan waa‟ee fookilooriwwan guddisa ijoollee Oromoo irratti odeeffannoo kennuu danda‟an akkasumas, haadhaafi abbootii ijoolleeti. Malli iddatteessuu fayyadamtes mala eertoofi mala akkaayyooti. Malli funaansa ragaalee ammoo daawwannaa, afgaaffii, marii gareefi sakatta‟a galmeeti. Gosti qorannoo kanaas qorannoo qulqulleeffataa yommuu ta‟u ragaan odeefkennitoota irraa argame xiinxalamee dhiyaatee jira. Ijoolleen haala gaariin qabamanii, gorfamanii, gocha hawaasaa keessatti fudhatamuufi balaaleffatamu adda baasanii, aadaa, safuu, duudhaafi seenaa ummata isaanii baranii guddatan kan eenyummaa isaanii beekaniifi sabboonummaan itti dhagahamee aadaatti bulaniifi eegan ta‟uu akka danda‟an ragaan argame ni ibsa. Akka argannootti, ijoolleen akka aadaa isaanii beekanii naamusa gaariin qaramanii ofiif, maatiif, hawaasafi biyyaaf tolan gochuu irratti xiyyeeffannoon hawaasaa, gama mootummaafi miidiyaalee garagaraatiin irratti hojjetamuu akka qabu bira gahameera. Ijoollee abdii maatii, hawaasaafi biyyaa ta‟an kanniin guddisuu keessatti maatiin jechaafi gochaan fakkeenya gaarii ta‟ee argamuun baay‟ee barbaachisaafi murteessaa akka ta‟e ragaan ni addeessa. Jireenya isaanii fuula duraatiifis bu‟uura. Kanaafuu, guddisni ijoollee akkuma nama biqiltuu tokko dhaabee hamma ija godhatee waan barbaadame sanaaf gahutti kunuunsi godhamuufii qabu, ijoolleen ofdanda‟anii hanga jireenya isaanii qabachuufi gaggeessuu danda‟anitti qaamni hawaasaa garagaraa irratti hirmaachuun deeggarsa isaan irraa eeggamu raawwachuu akka qaban qorattuun hubattee jirti. Ijoolleen gaariifi yaraa adda baafatanii guddatan, kan aadaa isaanii beekan, kan kaayyoo qabaniifi naamusa gaariin qaraman jireenya isaanii fuula duraafis ta‟ee hawaasaafi biyya isaaniitiif ba‟aa osoo hinta‟in abdii kan ta‟uu danda‟aniidha.