Repository logo
  • English
  • Català
  • Čeština
  • Deutsch
  • Español
  • Français
  • Gàidhlig
  • Italiano
  • Latviešu
  • Magyar
  • Nederlands
  • Polski
  • Português
  • Português do Brasil
  • Srpski (lat)
  • Suomi
  • Svenska
  • Türkçe
  • Tiếng Việt
  • Қазақ
  • বাংলা
  • हिंदी
  • Ελληνικά
  • Српски
  • Yкраї́нська
  • Log In
    New user? Click here to register. Have you forgotten your password?
Repository logo
  • Colleges, Institutes & Collections
  • Browse AAU-ETD
  • English
  • Català
  • Čeština
  • Deutsch
  • Español
  • Français
  • Gàidhlig
  • Italiano
  • Latviešu
  • Magyar
  • Nederlands
  • Polski
  • Português
  • Português do Brasil
  • Srpski (lat)
  • Suomi
  • Svenska
  • Türkçe
  • Tiếng Việt
  • Қазақ
  • বাংলা
  • हिंदी
  • Ελληνικά
  • Српски
  • Yкраї́нська
  • Log In
    New user? Click here to register. Have you forgotten your password?
  1. Home
  2. Browse by Author

Browsing by Author "Waamii, Waaqumaa"

Now showing 1 - 1 of 1
Results Per Page
Sort Options
  • No Thumbnail Available
    Item
    Xiinxala Hariiroo Moggaasa Maqaa Guyyootaafi Ayyaana Guyyootaa Ji’aa Dhaha Gujii
    (Addis Ababa University, 2018-08) Waamii, Waaqumaa; Taliilaa, Xilahuun (PhD)
    Qorannoon kun hariiroo moggaasa maqaafi ayyaana guyyootaa jJi’aa Dhaha Gujii xiinxaluu irratti kan xiyyeeffatedha. Bu’uura kanaan, maqaaleen guyyootaa ji’aa kanneen ji’a Hagayaa keessatti argaman funaanamanii akkaataa tartiiba isaaniin erga taa’anii booda, ragaa haala moggaasa itti argatanii funaaname irratti hundaa’uun hariiroon moggaasa maqaa guyyootaafi ayyaana guyyootaa gidduu jiru xiinxalamuun dhiyaataniiru. Dabalataanis, hariiroo moggaasaa maqaa ji’ootaafi ayyaana ji’ootaa, haala hedannaa tibbaafi gadaa xiinxaluun qaaccessuun danda’ameera. Moggaasni maqaa namaafi dhaha Gujiis hariiroo qabaachuu qoqqoodamiinsa yeroo guyyaafi halkanii, ayyaanota ji’aa, ji’aafi haala ji’aa, tibbaafi gadaan wolqabtee ilmaan Gujiif moggaafamaa turaniifi jiran turtiifi ittifufiinsa dhahaaf bu’uura ta’anilleen ibsameera. Haaluma kanaan, haala hedannaa dhahaafi seenduubee abbentaa dhaha Gujii (qaalluufi abbootii gadaa); akkasumas, sirna bulchiinsa qaalluufi sirna gadaan wolqabsiisuun haala dhahi Gujii keessa tureefi keessa jiru xiinxaluun dhiyeesseera. Kana keessattis, dhimmoota hedannaan dhaha Gujii cimee akka itti hinfufneefi laafu taasisan jedhamanii qorannoo kanaan bira ga’aman xiinxaluun dhiyaateera.Kana malees, ga’ee dhahi Gujii jiruufi jireenya Gujii keessatti qabu duudhaalee biroo utubaa turmaata dhaha Gujii ta’aniin wolqabsiisuun xiinxalamee dhiyaateera. Qorannoon kunis, dhimmamtoota dhaha Oromoofi waa’ee dhaha Oromoo qorachuufi beekuu barbaadanii qarqarumatti moggaasni maqaalee dhaha Oromoo bakka adda addaatti ibsaman keessummaa itti ta’u hanga tokko furuu keessatti nilakkaawama jedhameeti malee guutumaa guutuutti waa’ee dhaha Oromoo(Gujii) dhiyeesse jechuu akkaa hintaane hubatamuu qaba.Kana waan ta’eef, duudhaa Oromoo calaqqee beekumsa, qaroomina, falaasama, hayyummaafi woyyummaa Oromoo(Gujii)ta’e, dhaha Oromoo Gujii caalaatti qorachuun gara fuulduraatti tajaajila idilaawaa ummatni Oromoo akka woliigalaatti bara ittiin lakkaawatu gochuuf namoonni dhuunfaafi dhaabbileen dhimmi ilaallatu cufti ga’ee isaanii ba’uu qabu. Dhahi Oromoo gadaa Oromooti! Gadaan Oromoos waahallee Oromooti!

Home |Privacy policy |End User Agreement |Send Feedback |Library Website

Addis Ababa University © 2023