Repository logo
  • English
  • Català
  • Čeština
  • Deutsch
  • Español
  • Français
  • Gàidhlig
  • Italiano
  • Latviešu
  • Magyar
  • Nederlands
  • Polski
  • Português
  • Português do Brasil
  • Srpski (lat)
  • Suomi
  • Svenska
  • Türkçe
  • Tiếng Việt
  • Қазақ
  • বাংলা
  • हिंदी
  • Ελληνικά
  • Српски
  • Yкраї́нська
  • Log In
    New user? Click here to register. Have you forgotten your password?
Repository logo
  • Colleges, Institutes & Collections
  • Browse AAU-ETD
  • English
  • Català
  • Čeština
  • Deutsch
  • Español
  • Français
  • Gàidhlig
  • Italiano
  • Latviešu
  • Magyar
  • Nederlands
  • Polski
  • Português
  • Português do Brasil
  • Srpski (lat)
  • Suomi
  • Svenska
  • Türkçe
  • Tiếng Việt
  • Қазақ
  • বাংলা
  • हिंदी
  • Ελληνικά
  • Српски
  • Yкраї́нська
  • Log In
    New user? Click here to register. Have you forgotten your password?
  1. Home
  2. Browse by Author

Browsing by Author "Tashoomaa, Tasfaayee"

Now showing 1 - 1 of 1
Results Per Page
Sort Options
  • No Thumbnail Available
    Item
    Xiinxaala Moggaasa Maqaa Ilmaan Karrayyuu
    (Addis Ababa University, 2010) Tashoomaa, Tasfaayee; Nagaasaa, Mulugeetaa (PhD)
    Kaayyoon qorannoo kanaa moggaasa maqaa Ilmaan Karrayyuu haala qabatamaa Aanaa Fantaallee akkamiin akka gaggeeffamu qaaccessuudha. Xiyyeeffannoon qorannaa kanaas maalummaa maqaa, moggaasa maqaa, faayidaafi bu’ura moggaasa maqaa hubachuudha. Haaluma kanaan xiinxala moggaasa maqaa kanaaf malli qu’atichi itti gargaarame mala akkamtaa yookaan qulqulleeffataati. Mala kanaan odeeffannoo madda ragaa duraafi madda ragaa lammaffaa irraa argaman kan kaayyoo qorannichaa galmaan gahu jedhamanii funaanamaniin walsimsiisun itti gargaarameera. Akkasumas, sirna moggaasni maqaa daa’immanii itti raawwatus yaada mangudddotaafi beektotaarratti bu’ureeffachuun ibseera. Akkasumas qabiyyee gurguddoon qu’atichi irratti hundaa’e, maalummaa maqaa, maalummaa moggaasa maqaa, moggaasa maqaafi aadaa, faayidaa moggaasa maqaa, akaakuu moggaasa maqaa daa’immanii, moggaasa maqaa keessaatti eenyu akka qooda fudhatu, bu’uura moggaasa maqaa fi kan kana fakkaatan kan ibsaman yoo ta’u, qorannoo kana keessatti akka waliigalaatti wanti hubatame,Oromoon Karrayyuu akkaataa moggaasa maqaa daa’imman itti raawwatu adeemsa mataa isaa kan qabu, akaakuu moggaasa maqaa maatiin gaggeeffamuu-ilmaan gudeedaa, ilmaan waraan agabsaa, ilmaan barcumaafi ilmaan mixii daa’imman dubaraafi akkaataa maqaan jaalalaa maqaa dhaabbataa ta’ee itti hafu, bu’uurri moggaasa maqaa daa’immanii: maqaa lafaa, maqaa tulluu, maqaa mukaa, maqaa lagaa, yeroofi ayyaana, abdiifi hawwii fulduraa, kan dhala dhabaniifi turtii yeroo dheeraa booda argatan, guddinaafi xiqqeenya qaama daa’ima, du’a ijoollee dura dhalatan booda daa’imman dhalatan, amala daa’ima sanaa ka’uumsa godhachuun, kanaaf kana kan fakkaatan kan bu’uureeffatu ta’a. Kanaafuu maqaan uummata kanaaf kuusaa beekumsa gadi fagoo, ibsituu eenyummaafi calaqistuu aadaa kan jecha yookaan gaalee ittiin waamamuu sana bira ce’ee deemudha jechuun nidanda’ama.

Home |Privacy policy |End User Agreement |Send Feedback |Library Website

Addis Ababa University © 2023