Browsing by Author "Taammanaa Fufaa"
Now showing 1 - 1 of 1
Results Per Page
Sort Options
Item Xiinxala Wantoota Dandeettii Afaan Oromootiin Keeyyeta Barreessuu Barattoota Kutaa 10ffaa Irratti Hudhaa Ta’an: Haala Finfinnee Mana Barumsaa Madaanaalam Sadarkaa 2ffaa(Addis Ababa University, 2024-08) Taammanaa Fufaa; Kurii Baayisaa (PhD)Qorannoon kun Xiinxala wantota dandeettii Afaan Oromootiin keeyyata barreessuu barattoota Kutaa 10ffaa irratti hudhaa ta’an: Haala Finfinnee Mana Barumsaa Madaanaalam Sadarkaa 2ffaa irratti kan adeemsifameedha. Dandeettiin barreessuu yeroo tokkotti kan goonfatamu osoo hintaane shaakala yeroo dheeraa keessa kan gabbifatamuudha.Barattoonni kutaa 10ffaa kunneen,Afaan Oromoo akka afaan 1ffaatti baratan kun, kutaa 1ffaa eegalanii Afaan Orommo akka gosa barumsa tokkootti barachaa, Afaan Oromoonis barnoota sadarkaa 1ffaa barachaa barnoota sadarkaa 1ffaa xumuranii jiru.Haata’u malee,barnoota sadarkaa 2ffaa kutaa 9ffaa-10ffaa ga’anii hanga jiranitti Afaan Oromootiin keeyyata sirriitti barreessuu hin dandeenye. Qoratichis, kanumaafi muuxannoo horate ka’umsa taasifachuun mata duree qorannoo kanaa filatee qorateera. Kaayyoon qorannoo kanaa inni guddaan Wantoota Dandeettii Afaan Oromootiin keeyyata barreessuu barattoota kutaa 10ffaa irratti miidhaa fidan xiinxaluudha.Qorannoo kana geggeessuufis malleen qorannoo jiran keessaa mala makaa (akkamtaafi hammamtaa) fayyadamee jira.Argannoon qorannoo kanaa inni ijoonis barattootni dandeettii keeyyata barreessuu haala gahumsa qabuun barreessuu dhabuufi barsiisonni adeemsa keeyyata barreessuu barattootaa irratti xiyyeeffannoo kennuu dhabuudha.Barreessaan tokko seerota keeyyataa eegee osoo hinbarreessin barreeffamaan ergaa isaa sirriitti dabarfachuun rakkisaa ta’uu danda’. Keeyyanni gaariin immoo tokkummaa yookiin xiyyeeffannoo hima ijoof taasifamuu qabu, qindoomina yaadaafi guutummaa qabaachuu qaba. Barreessaan, dubbisaasaa kallattiin waan hin agarreef barreeffamasaa keessatti qubee dogoggora hinqabne, jechoota barbaachisoo, himoota qindaa’oofi ifa ta'anitti gargaaramuu qaba.Walumaagalatti, keeyyanni gaariin tokko qaamolee yookiin caasaa keeyyataa hima ijoo,himoota callaafi hima goolabaa kan hammate ta’uu qaba. Kanamalees,jechoota, himoota qindaawoo ta’anniifi sirna tuqaalee eeganii barreessuungariidha