Repository logo
  • English
  • Català
  • Čeština
  • Deutsch
  • Español
  • Français
  • Gàidhlig
  • Italiano
  • Latviešu
  • Magyar
  • Nederlands
  • Polski
  • Português
  • Português do Brasil
  • Srpski (lat)
  • Suomi
  • Svenska
  • Türkçe
  • Tiếng Việt
  • Қазақ
  • বাংলা
  • हिंदी
  • Ελληνικά
  • Српски
  • Yкраї́нська
  • Log In
    New user? Click here to register. Have you forgotten your password?
Repository logo
  • Colleges, Institutes & Collections
  • Browse AAU-ETD
  • English
  • Català
  • Čeština
  • Deutsch
  • Español
  • Français
  • Gàidhlig
  • Italiano
  • Latviešu
  • Magyar
  • Nederlands
  • Polski
  • Português
  • Português do Brasil
  • Srpski (lat)
  • Suomi
  • Svenska
  • Türkçe
  • Tiếng Việt
  • Қазақ
  • বাংলা
  • हिंदी
  • Ελληνικά
  • Српски
  • Yкраї́нська
  • Log In
    New user? Click here to register. Have you forgotten your password?
  1. Home
  2. Browse by Author

Browsing by Author "Fiqaaduu Taakkalee"

Now showing 1 - 1 of 1
Results Per Page
Sort Options
  • No Thumbnail Available
    Item
    Agarsiistuuwwan Eenyummaa Oromoo: Xiinxala Waallee Liixxaa Fayyadama Afeewwaniifi Mallattoolee Giddugala Aadaa Oromoo Kan Xiyyeeffate
    (Addis ababa University, 2026-03-30) Fiqaaduu Taakkalee; Addunyaa Barkeessaa
    Qorannoon kun fayyadama afeewwaniifi mallattoolee Giddagala Aadaa Oromoo keessatti eenyummaa Oromoo agarsiisan xiinxala. Kaayyoo kana galmaan gahuuf beedduuda ijaarsaa, saxaxa ibsaa-hiikaa-balballoomsuufi mala akkamtaatu fayyadamame. Ragaaleen qorannoo kanaa madda jalqabaafi lammaffaarraa funaanaman. Maddi jalqabaa daawwannaan, afgaaffiin, marii garee xiyyeeffannoofi sakatta‟a dookumantiin hirmaattota xiyyeeffataman, afeewwaniifi mallattoolee giddugalaarraa funaaname. Maddi lammaffaa sakatta‟a barruun guurame. Ragaaleen funaanaman kaayyoowwan qorannichaa jalatti qoqqoodamuun xiinxalamanii jiru. Xiinxalli kunis akkayyaa garsadee „tridimensional model‟-ibsa, hiikaafi balballoomsuufi „waallee seenaa‟ faana bu‟uun geggeessame. Argannoowwan xiinxala dhihaate kanaan mul‟atan: Giddugala keessatti eenyummaan Oromoo karaa afeewwanii, bocawwan sirna Gadaafi odaan walqabataniifi meeshaalee aadaan agarsiifamee jira. Oromoon sirna Gadaan ofbulchuun jireenya waloo eeggata, araddaa Finfinnee agarsiisa; malllattolee ofiin falaasamaa keessoo isaa akka hubachiisudha. Meeshaalee aadaan hubannoo ofiifi addunyaa kanaaf qabu, olaantummaa agarsiistuuwwan eenyummaafi dhiibbaa turetu saaxilame. Itti aansuun, eenyummaan bu‟uuraa Oromoo afeewwaniifi mallattoolee giddugalichaa keessaan ijaaramaafi tursiifamaa jiraachuutu mul‟ate. Isaan, uumaa uumamu; deebisaniis akka ijaarantu argame. Sirni Gadaa karaa irreechaa, sadarkaalee Gadaafi mallattoolee jiranii akka deebifamee gabbatuufi tursamudha. Irreechi sarbama bakkeewwan ulfoo saaxile. Araddaa, malkaafi magaala ofiitti deebi‟uu Oromoo agarsiisa. Itti fufuun, tarsiimolee waallawaa eenyummaa Oromoo agarsiisuuf Giddugala Aadaa Oromoo keessatti fayyadamaman tarsiimoo kunuunsuun tursuufi sababeessuu, falmisiisuu, ceesisaa, ijaarsaa, sadarkaa ilaalchaafi agarsiisaati. Walitti dhufeenya afeewwaniifi mallattooleen aangoofi illaanya waliin qaban balballoomsuun: dhiibbaa, sarbama, gadi aantummaa, walqixxummaa dhabinsaafi olaantummaan tureefi jirutu ifeera. Kana agarsiisuuf, GAOfi biiftuu barii, Abbaa Gadaafi Haadha Jilaan‟, „caaccuufi kallacha‟, „wareegamaafi eenyummaa‟, „malkaafi Finfinnee‟, „uffata aadaa Oromoofi Finfinnee‟, fardaafi falmii daangaa kan jedhan dhihaataniiru. Agarsiistuuwwan eenyummaa Oromoo Biiroo Aadaafi Tuuriizimii sadarkaa biyyaafi Naannoo Oromiyaa keessatti bakka argachuu akka qaban ni taasisa.

Home |Privacy policy |End User Agreement |Send Feedback |Library Website

Addis Ababa University © 2023