Repository logo
  • English
  • Català
  • Čeština
  • Deutsch
  • Español
  • Français
  • Gàidhlig
  • Italiano
  • Latviešu
  • Magyar
  • Nederlands
  • Polski
  • Português
  • Português do Brasil
  • Srpski (lat)
  • Suomi
  • Svenska
  • Türkçe
  • Tiếng Việt
  • Қазақ
  • বাংলা
  • हिंदी
  • Ελληνικά
  • Српски
  • Yкраї́нська
  • Log In
    New user? Click here to register. Have you forgotten your password?
Repository logo
  • Colleges, Institutes & Collections
  • Browse AAU-ETD
  • English
  • Català
  • Čeština
  • Deutsch
  • Español
  • Français
  • Gàidhlig
  • Italiano
  • Latviešu
  • Magyar
  • Nederlands
  • Polski
  • Português
  • Português do Brasil
  • Srpski (lat)
  • Suomi
  • Svenska
  • Türkçe
  • Tiếng Việt
  • Қазақ
  • বাংলা
  • हिंदी
  • Ελληνικά
  • Српски
  • Yкраї́нська
  • Log In
    New user? Click here to register. Have you forgotten your password?
  1. Home
  2. Browse by Author

Browsing by Author "Dirribaa, Tasfaayee"

Now showing 1 - 1 of 1
Results Per Page
Sort Options
  • No Thumbnail Available
    Item
    Qaaccessa Ergaa Faaruu Ayyaana Warra Maaraam Gaanaa Sunteen Raawwatamu: Godina Shawaa Lixaa Aanaa Jibaat
    (Addis Ababa University, 2018-08) Dirribaa, Tasfaayee; Nagaasaa, Mulugeetaa (PhD)
    Faaruu Dalaga ayyaana Oromoo ilaalchisee qorannoo amma yoonaatti adeemsifame arguu baadhuus qaaccessa Faaruu dalaga ayyaana Oromoo Aanaa Jibaat keessaatti warra Maaraam Gaanaa Sunteen raawwatamu namni qoratee dhiheesse hin jiru.Qorannoon kunis qaaccessa faaruu dalaga ayyaana Oromoo Aanaa Jibaat keessaatti warra Maaraam Gaanaa Sunteen raawwatamu irratti kan xiyyeeffateedha. Kaayyoon qorannoo kanaa inni guddaan faaruu dalaga ayyaana Oromoo Aanaa Jibaat keessaa warra Maaraam Gaanaa Sunteen dalagamu seenaa, aadaa, safuu qaroomina irraa kan ka‟e badaa jiru walitti qabee qooduun qaaccessee olkaa‟uufi dhaloonni akka irraa baratu taasisuudha. Qorannoo kanaafis madda ragaa tokkoffaa kan ta‟e jaarsolii Oromoo naannoo sana jiran yoo ta‟u, iddaattoon qorannoo kanaas mala akkayyoofi darbaa dabarsaadha. Akkasumas malleen funaansa ragaa qorannoo kanaa afgaaffii, daawwannaafi marii garee irratti kan xiyyeeffateedha. Maalummaan dalaga ayyaanafi, faaruu isaa waliin malleen qorannoo kanneeniin walitti funaannamun qooduun qaacceffamanii kaa‟amaniiru.Faaruun dalaga ayyaana Oromoo amantaa, seenaa, aadaafi duudhaa kan agarsiisuudha. Keessumattuu mallattoo eenyummaafi aadaa uummataa waliin walqabatee kan ibsu yoo ta‟u seenaa dheeraa kan qabuudha. Faaruu dalaga kanaa keessattis qaalluun (ayyaantuun) uumaafi uumama gidduutti riqicha ta‟ee kan tajaajiluufi mul‟ata boruu kan hawaasaaf eeruudha. Akkasumas, sirna ayyaana buusuu, galchuufi hammachiisarratti dalagni ayyaana dalagaman bal‟inaan addeeffameera.Yaaduma gubbaatti eerame bu‟uura godhachuun sirni dalaga ayyaana Oromoo madda falaasama amantii, safuu Oromoo ganamaa, seenaafi aadaa kan agarsiisuudha. Qorannoon kun yoo hojiirra oole kallattiin uummanni Oromoo fayyadama ta‟a. Akkasumas, qaamoleen kanneen akka dhaabbilee Barnootaa, Aadaafi Turiizimii, Aadaaf Ogbarruu, qorattoota Seenaa aadaa hawaasaa akka ka‟umsaatti nifayyada.

Home |Privacy policy |End User Agreement |Send Feedback |Library Website

Addis Ababa University © 2023