Repository logo
  • English
  • Català
  • Čeština
  • Deutsch
  • Español
  • Français
  • Gàidhlig
  • Italiano
  • Latviešu
  • Magyar
  • Nederlands
  • Polski
  • Português
  • Português do Brasil
  • Srpski (lat)
  • Suomi
  • Svenska
  • Türkçe
  • Tiếng Việt
  • Қазақ
  • বাংলা
  • हिंदी
  • Ελληνικά
  • Српски
  • Yкраї́нська
  • Log In
    New user? Click here to register. Have you forgotten your password?
Repository logo
  • Colleges, Institutes & Collections
  • Browse AAU-ETD
  • English
  • Català
  • Čeština
  • Deutsch
  • Español
  • Français
  • Gàidhlig
  • Italiano
  • Latviešu
  • Magyar
  • Nederlands
  • Polski
  • Português
  • Português do Brasil
  • Srpski (lat)
  • Suomi
  • Svenska
  • Türkçe
  • Tiếng Việt
  • Қазақ
  • বাংলা
  • हिंदी
  • Ελληνικά
  • Српски
  • Yкраї́нська
  • Log In
    New user? Click here to register. Have you forgotten your password?
  1. Home
  2. Browse by Author

Browsing by Author "Biqilaa, Gaaddisaa"

Now showing 1 - 1 of 1
Results Per Page
Sort Options
  • No Thumbnail Available
    Item
    Xiinxala Akaakuu Garee Jechoota Afaan Oromoo Kitaaba Barataa Kutaa 9 ffaafi 10 ffaa Keessatti Dhiyaatanii
    (Addis Ababa University, 2019-08) Biqilaa, Gaaddisaa; Alamaayyoo, Amaanu‟Eel (PhD)
    Qorannoon kun mataduree “Xiinxala Dhiyaannaa Akaakuu Garee Jechoota Afaan Oromoo Kitaaba Barataa kutaa 9fi 10 bara 2005 qophaa’an” irratti kan geggeeffameedha. Kaayyoon isaas: Akkaataa dhiyaannaa Akaakuu Garee Jechoota AO KB kutaa 9fi 10 xiinxaluun hanqinaalee mul’ataniifi haala kamiin dhiyaachuu akka qaban ibsuudha. Yaaxxinni qorannichaas, yaaxina caaseffamaa irratti kan hundaa’eedha. Qorannoon kun akka yaada gabbataa qabaatuuf, kitaabileen adda addaa mataduree qorannichaan walitti dhiyeenya qaban ilaalamaniiru. Irraawwatamni qorannichaas, KB kutaa 9fi 10,Qajeelcha Barsiisaafi Silabasii BAO yammuu ta’u, kaayyoo qorannoo kanaa galmaan gahuuf,maddi ragaa odeeffannoon irraa argame madda ragaa 1ffaa ta’ee, Sakatta’a barruudha. Kunis, KB kutaa 9fi10, akkasumas QB waliin Walbira qabuun kan sakattaa’aman.Yaada kana gabbisuuf, barsiisota AO barsiisan afuriif gaaffiin afaanii dhiyaachuun yaada isaanii irraa xiinxalli geggeeffameera. Walumaa galatti, faayidaa, akaakuufi akkaataan dhiyaannaa isaanii hanqina mul’ate adda baasuun qaacceffamanii dhiyaataniiru. Xiinxala geggeeffameefi cuunfaa qorannichaa irratti hundaa’uun argannoowwan gurguddoon qorannichaa: Qophiin dhiyaannaa akaakuu garee jechoota AO KB kutaa 9fi 10 keessatti fkn gahaan deggeramee; baay’inni garee jechootaa adda ba’uun dhiyaachuu qaba kan jedhu. Moggaasni garee jechootaa jiran: maqaa, maqibsi, gochimni, gochibsiifi durduubeen garee jechootaa ta’uu isaaniif ulaagaa qoodiinsa isaanii waliin ibsamuu akka qabaniidha. Faayidaan qoodiinsa garee jechootaa, akkaataa barattoota hawwachuu danda’aaniin ibsi gahaan itti kennamuun dhiyaachuun gaarii ta’a. Qorannoo kanaan, gareen jechoota AO KB kutaa 9fi 10 keessatti bifa alkallattiifi kallattii ta’een dhiyaachuu akka qaban ifa ta’ee jira. Akkasumas, gareen jechootaa; ulaagaa xiinhimaa, xiinhiikaafi xinqooqaan adda bahaanii qoodamuu akka qaban; garee jechoota AO KB keessatti qabiyyee walitti fufiinsa qabuun garee jechootaa jiran haala gaariin ibsuu akka danda’utti qoodamuu akka qaban kan ibsu. Gareen jechootaa ibsamanis Maqaa, maqibsa, gochima, gochibsiifi durduubee jedhamuun haala walqabatiinsa qabuun akkaataa ifa ta’een kan dhiyaatu ta’uu gaarii ta’uu. Dhiyaannaan akaakuu garee jechooota AO KB kanneen keessatti, utuu KBfi QB keessatti adda addummaa hin uumin yaada walfakkaatuun barattootaafi barsiisota Oromiyaa keessa jiraniif hubannoo walfakkaataa akka uumuuf walsimachisanii dhiyeessuun gaariidha.

Home |Privacy policy |End User Agreement |Send Feedback |Library Website

Addis Ababa University © 2023