Repository logo
  • English
  • Català
  • Čeština
  • Deutsch
  • Español
  • Français
  • Gàidhlig
  • Italiano
  • Latviešu
  • Magyar
  • Nederlands
  • Polski
  • Português
  • Português do Brasil
  • Srpski (lat)
  • Suomi
  • Svenska
  • Türkçe
  • Tiếng Việt
  • Қазақ
  • বাংলা
  • हिंदी
  • Ελληνικά
  • Српски
  • Yкраї́нська
  • Log In
    New user? Click here to register. Have you forgotten your password?
Repository logo
  • Colleges, Institutes & Collections
  • Browse AAU-ETD
  • English
  • Català
  • Čeština
  • Deutsch
  • Español
  • Français
  • Gàidhlig
  • Italiano
  • Latviešu
  • Magyar
  • Nederlands
  • Polski
  • Português
  • Português do Brasil
  • Srpski (lat)
  • Suomi
  • Svenska
  • Türkçe
  • Tiếng Việt
  • Қазақ
  • বাংলা
  • हिंदी
  • Ελληνικά
  • Српски
  • Yкраї́нська
  • Log In
    New user? Click here to register. Have you forgotten your password?
  1. Home
  2. Browse by Author

Browsing by Author "Baalchaa, Makonnin"

Now showing 1 - 1 of 1
Results Per Page
Sort Options
  • No Thumbnail Available
    Item
    Waraqaa Qorannoo Digirii Lammaffaa (Ma) Afaan Oromoo Barsiisuuf Gamisaan Guuttachuuf Qophaaye
    (Addis Ababa University, 2018-08) Baalchaa, Makonnin; Dheeressaa, Dinqeessaa (PhD)
    Kaayyoon qorannichaa qajeelfamoota gilgaalota Barnootaa Afaan Oromoo kutaa kudha-tokkoffaa bara 2005n qophaa’e qaaccessuudha.Akkasumas, qajeelfamoonni gilgaalotaa kanneen-ii akkamiti akka fooyya’uu danda’u qaaccessuudhaan ibsuudha. Qorannichaaf wanti ka’uumsa ta’e hanqinni iftoomina qajeelfamoota gilgaalotaa kutaa kanaa jiraachuufi dhiisuu isaa adda baasuun hanqinaalee mul’ataniif furmaata kaa’udha.Qorataan hanqinoota iftoomina qajeelfamoota gilgaalotaa addaan baasee yaada furmaataa kennuuf ammoo gosa qorannoo keessaa qorannoo ibsaatti dhimma bahee jira. Akkasumas,meeshaalee barnootaa keessaa, qajeelfamoota gilgaalota kitaaba barataa Barnoota Afaan Oromoo kutaa kudhatokkoffaa keessatti qophaa’an hunda akka iddattootti,mala iddateessuu kaayyeffamaatiin filatamee jira. Meeshaan odeeffannoon ittiin funaanname sakatta’iinsa kitaaba Barnoota Afaan Oromoo kallatummaan qajeelfamoota gilgaalota kutaa kudhatokkoffaa irratti taasifameedha. Odeeffannoowwan sakatta’iinsa kitaaba kana irraa argaman , mala akkamtaan qaacceeffamanii jiru. Akka ragaaleen qaacceeffaman mul’isanitti iftoominni qajeelfamoota gilgaalota Barnootaa Afaan Oromoo kanneen irratti ciminniifi hanqinni jiraachuun hubatameera. Hata’u malee, qorannoon irra caalaatti hanqinarratti xiyyeeffannoo gochuun kan gaggeeffame.Sababan-is hanqinoonni mul’atan fooyyessuu akka danda’amuuf yaada furmaataa eeruudha. Waan kana ta’eef akka argannoo qorannoo kanaatiin iftoominni qajeelfamoota gilgaalotaa meeshaa barnootaa kana keessatti haqinni iftoomina qajeelfamoota gilgaalotaa darbee darbee boqonaal--ee tokko tokko jalatti mulateera.Hanqinaalee mul’atanirrattis iftoomina qajeelfamoota shaakala gilgaalotaa qabiyyeewwan kitaabicha keessatti dhiyaatan hunda keessatti mul’achuu, hanqina gochimaalee gochibsoota dabalataa qaban qajeelfamoota shaakala gilgaalotaa keessa jiraachuu dhabuu ,waan qajeelfamoota gilgaalotaa keessatti hinkennamne barattoota hojjisiisuu yaaluu ,gaaffiilee shaakalawwan gilgaalotaa keessatti dhiyaatan tokko tokko keessatti qajeelfamoonni gilgaalotaa barreeffamuu dhabuu ,barattoonni deebiilee gaaffiilee dhiyaatanii barreeffamaan yookiin afaaniin akka deebisan qajeelchuu dhabuun akka ta’e qorataan hubatee jira Walumaagalatti argannoo qorannoo kanaarraa ka’uun Biiroon Barnoota Oromiyaa qopheessitoonni kitaaba Barnoota Afaan Oromoo kutaa kanaaf qopheessan wajjin ta’uun hanqina jiru,irra deeb’amee ilaaluunmaxxansa itti aanee dhufuuf osoo fooyyeessaniimaxxansiisanii gaarii ta’a jechuun qorataadhaan akka yaada furmaataatti kaa’amee jira.

Home |Privacy policy |End User Agreement |Send Feedback |Library Website

Addis Ababa University © 2023