Browsing by Author "Ayyaantuu Dirribaa Dachaasaa"
Now showing 1 - 1 of 1
Results Per Page
Sort Options
Item Tapha Ijoollee Oromoo Bulchinsa Magaala Shaggaritti Kutaa Magaala Furii Agarsiisa Caacculee Baruu Barsiisuu Afaan Oromoo Akka Afaan Dhalootaaf Oolchuu(Addis Ababa University, 2024-08) Ayyaantuu Dirribaa Dachaasaa; Taaddasaa Jaalataa (PhD)Kaayyoon qorannoo kanaa, “Tapha Ijoollee Oromoo Bulchinsa Magaala Shaggaritti Kutaa Magaala Furii Agarsiisa Caacculee Baruu Barsiisuu Afaan Oromoo Akka Afaan Dhalootaaf Oolchuu.” Jedhu xiinxaluudha. Sababiin daa‟imman abdii boruu ta‟aniif aadaa, safuu, seenaa fi duudhaa saba isaanii afaan dhaloota isaaniin barsiisuun qabiyyee fi yaada barnoota baratanii karaa salphaa ta‟een akka hubatan taasisuu isaa qorannoon adda adda waan mirkaneessuufidha. Adeemsa qorannoo kana tarkaanfachiisuu keessatti barruuleefi qorannoowwan mata-duree kanaan walfakkaataan sakatta‟amaniiru. Kaayyoo kana galmaan gahuuf ragaan duudhaa hawaasaa yoomessa dhugaafi namtolchee keessaa: daawwannaa, af-gaaffii, marii gareefi sakatta‟a dokumentiiddhaan funaanamee jira.Malli iddatteessuu qorattuun dhimma itti baates mala idatteessuu akka kaayyoofi miti-carraa yoo ta‟u, odeeffannoowwan haala kanaan funaannamanis mala akkamtaatiin qaacceffamee bifa addeessuun dhiyaateera. Haaluma kanaan, qorannoo kana keessatti tapha ijoolleetti gargaaramuun akka caaccuulee baruu barsiisuu Afaan Oromoo akka afaan dhalootaaf oolchuuf , gosoota taphoota ijoollee kutaalee magaalaa Furii kanaa, faayidaa isaanii, akkaataa taphichi itti qophaa‟uufi haala taphni kun ittiin taphatamu, yoomessa taphichi kun keessatti taphatamuufi wantoota yeroo ammaa tapha ijoollee kanarraan dhiibbaa geessisaa jiran fa‟atu qaacceffame. Yaadxinoota fookiloorii, ogummaa afaaniifi kalaqaan xiinxalameera. Qaacceffama kana, giddugaleeffachuun, gosoonni tapha ijoollee, afaaniiniifi sochiifi afaaniin dhiyaatan,yoomessa garagaraa keessatti taphatamuu danda‟aniifi taphoonni haala kanaan aadaa hawaasaa calaqqisiisan kun yeroo ammaa xiyyeeffannoo argachuu dhabuurraan kan ka‟e taphoota ammayaatiin bakka buufamuun dagatamaa jiraachuun bu‟aa qorannoo kanaan bira gahameedha. Afoollan taphoota ijoollee naannoo qorannoo kanaatti beekaman kanneen qooda fudhattootni manneen barnootaa Afaan Oromoo keessatti baratamuu Mootummaa naannoo Oromiyaa,hawaasni Oromoo, barattootniifi barsiisotni Afaan Oromoo cichanii irratti hojjechuun hudhaalee gama kanaan mul‟atan furuufi hundeerraa dhabamsiisuuf kutannoo akka barbaadu addatti ifoomeera.Miidiyaalee hawaasaa, Televizhinoonni, raadiyooleen, barruuleefi kitaabilee Afaan Oromoon maxxansamanillee miidhagina yookiin bareedina aadaa,afoola, safuufi duudhaa Oromoo daran beeksisuuf cimsanii gadfageenyaan irratti hojjechuun barbaachisaadha. Kana malees, Qophiileen kitaabilee sirna barnootaa Afaan Oromoo sadarkaa daree garaagaraa keessatti yeroo ammaa kana haammatamanii jiran seecca‟amanii madaalamuun barbaachisaadha. Kanarraa ka‟uudhaan, rakkoolee kanneen hir‟isuuf dhimmoonni akka: tapha ijoollee suuraafi sagaleen waraabanii dhalootaaf hambaa godhanii kaa‟uu, hawaasni sadarkaa sadarkaan jiran dhimma tapha ijoolleef akka bakka kennan gochuuf, waajjirri Aadaafi Tuuriizimiifi Dargaggoofi Ispoortiillee kanneen aadaa keessatti hammatamuu qaban irratti ogeeyyiin qorachiisee osoo bakka argachiisee, qorattoonni dhimma tapha aadaa ijoollee kanarratti qorannoo kana ka‟uumsa godhachuun kallattii garagaraan akka ilaalaniifi yaada gara fuulduraatiif furmaata barbaaduun yaboo qorannoo kanaati