Repository logo
  • English
  • Català
  • Čeština
  • Deutsch
  • Español
  • Français
  • Gàidhlig
  • Italiano
  • Latviešu
  • Magyar
  • Nederlands
  • Polski
  • Português
  • Português do Brasil
  • Srpski (lat)
  • Suomi
  • Svenska
  • Türkçe
  • Tiếng Việt
  • Қазақ
  • বাংলা
  • हिंदी
  • Ελληνικά
  • Српски
  • Yкраї́нська
  • Log In
    New user? Click here to register. Have you forgotten your password?
Repository logo
  • Colleges, Institutes & Collections
  • Browse AAU-ETD
  • English
  • Català
  • Čeština
  • Deutsch
  • Español
  • Français
  • Gàidhlig
  • Italiano
  • Latviešu
  • Magyar
  • Nederlands
  • Polski
  • Português
  • Português do Brasil
  • Srpski (lat)
  • Suomi
  • Svenska
  • Türkçe
  • Tiếng Việt
  • Қазақ
  • বাংলা
  • हिंदी
  • Ελληνικά
  • Српски
  • Yкраї́нська
  • Log In
    New user? Click here to register. Have you forgotten your password?
  1. Home
  2. Browse by Author

Browsing by Author "Addunyaa Lataa"

Now showing 1 - 1 of 1
Results Per Page
Sort Options
  • No Thumbnail Available
    Item
    Xinxala Barreeffama Keeyyata Barattoota Afaan Oromoo Godina Shawaa Bahaa Aanaa Booraa Mana Barumsaa Sadarkaa 2ffaa Booraa Kutaa 9ffaa
    (Addis Ababa University, 2021-11) Addunyaa Lataa; Dr. Amaanu‟eel Alamaayyoo
    Kaayyoon qorannoo kanaa, rakkoo ogummaa keeyyata barreessuu barattoota kutaa 9ffaa mana barumsaa sadarkaa 2ffaa Booraa adda baafachuunfi madda rakkinichaa ibsuudha. Rakkoo kana qorachuuf saxaxa qorannoo ibsaatti gargaarameera. Galma ga’uu kaayyoo kanaaf meeshaalee odeeffannoon ittiin funaanaman lama yoo ta’an isaanis qormaatafi af-gaaffiidha.Hanqina keeyyata barreessuu barattootaa adda baasuuf jecha barattootni keeyyata tokko tokko akka barreessan gochuun oddeeffannoon sassabameera. Af-gaaffiin immoo madda hanqina keeyyata barreessuu barattootaa kanneen tahan adda baasuuf odeeffannoo barattootaafi barsiistota irraa walitti qabuuf tajaajileera.Qorannoo kanaaf madden odeeffannoo kan ta’an, barsiisota Afaan Oromoo barsiisan 3 fi barattoota 21 dha. Barsiisonni kan filataman mala argamteen yoo tahu, barattootnii immoo mala carraadhaan filaman.Odeeffannoon walitti qabame kunis, mala qoranoo akkamtaan xiinxalamee qaacceeffameera.Ragaaleen qaacceeffamanis hanqina ogummaa keeyyata barreessuu barattootaa adda baaseera. Isaanis rakkoo hima ijoo, hima callaafi hima goolabaa addaan baafachuu, rakkoolee walta’iinsaa, tartiibaafi tokkummaa yaada keeyyataa eeguu dhabuun akka ta’an adda baheera. Itti dabalees, hanqina ogummaa barreeffama harkaa, rakkoo jechoota sirriitti qubeessuu, sirna tuqaaleetti seeraan fayyadamuu dhiisuu, unka barreeffamaa eeguu dhabuufi dogoggora fayyadama qub-guddeessaa ta’uun beekameera. Akkasumas madda rakkoo Afaan Oromootiin keeyyata barreessuu barattootaa qorannoon kun ragaarratti hunda’uun ibseera. Isaanis, akkaataa yaad-deebii kennuu barsiisaa, keeyyata barreessuu ilaalchisee beekumsaafi shaakala gahaa dhabuu barattootaa, hanqina sirna barnootaafi kitaabilee barnoota akka ta’an ibsameera.Akkasumas yaadoleen furmaata jedhamanii kan qorataa kanaan kahamanis shaakala walitti fufaa gochuu akka qaban, barsiisonnis dubdeebii barattootaaf gochuu akka qabaniifi qopheessitootni sirna barnootaa dandeetti barreeffamaarratti xiyyeeffanna kennuu akka qaban dhiyyatani jiru.

Home |Privacy policy |End User Agreement |Send Feedback |Library Website

Addis Ababa University © 2023