Browsing by Author "Abdiisaa, Alamaayyoo"
Now showing 1 - 1 of 1
Results Per Page
Sort Options
Item Qaaccessa Fooklooriiwwan Sirna Faacha Dhaabaa, Godina Shwaa Lixaa Aanaa Midaa Qanyii(Addis Ababa University, 2018-08) Abdiisaa, Alamaayyoo; Nagaasaa, Mulgeetaa (PhD)Kaayyoon qorannoo kanaa Fooklooriiwwan sirna faacha dhaabaa qaaccessuu dha. Mata duree kanarratti qorannoon akka gaggeeffamu ka‟umsa kan ta‟e: Aadaa boonsaa sabni kun ittiin beekamaa ture akka hin dagatamneefi Fookilooriiwwan sirna faacha dhaabaa irratti dhiyaatan yeroo ammaa kana harca‟aa waan jiraniifi sirni kun carraa qorannoon bahee mul‟achuu dhabuu, ragaan Fookloorii kana ibsu sadarkaa afaanii qofaan jiraachuufi dhiyaatinni sirna kanaa hawaasa biratti laafaa deemuudha. Kaayyoo kana galmaan gahuuf barruulees ta‟ee qorannoowwan hanga tokko kaayyoo kana waliin hidhata qaban sakatta‟amaniiru. Qorannoo kana keessatti maddi odeeffannoo 1ffaafi 2ffaa kan fayyadaman yoo ta‟u maddi odeeffannoo1ffaa mala iddatteessuu kaayyawaafi darbaa dabarsaan kan filatamee dha. Odeeffannoo madda 1ffaa irraa funaanuuf afgaaffii, Daawwannaafi mariigareen hojiirra kan oolan ta‟ee, odeeffannoowwan malleen kanaanfunaannaman tooftaa qorannoo ibsaan qaacceffamaniiru. Adeemsa kana hordofuun argannoowwan bira gahaman, Qaacceffama qorannoo kanaa keessattis adeemsa raawwii sirna faacha dhaabaa keessatti raawwataman gulantaalee sadiitti qoodamuun ibsameera. Afoola Oromoo keessaa sirna faacha dhaabaa keessatti; Geerarsa, Boo‟icha, Eebba, Himamsaafi Faaruun gootaa niargamu. Akkasumas, yoomessiifi hirmaattonni sirnichaa yeroofi bakka irratti hundaa‟uun kan daangeffaman ta‟uudha. Fakkoomiiwwan gara garaa gama meeshaalee aadaa faacharratti fannifamaniifi haala sirna dura, yeroo sirnaafi sirna booda kan mul‟atanidha. Dabalataanis, sirni duudhaa faacha dhaabaa bakka araaraa, falaasama toftaataa haala waan ulfaataa ta‟ee mul‟atu tokko tokkummaan mo‟atan, xiiqii, jabina, jaalalafi kaka‟umsa qabaachuun fayidaaf olee jiraachuun argannoowwan qorannoo kanaati. Haaluma kanaan aadaan hawaasaa dura ture, haala walii galaa, duudhaa, ilaalcha, haala jireenya isaa beekuun kan danda‟amu isa amma irra jirru kana ilaaluu qofa osoo hin taane isa kaleessaa duubatti deebinee yoo qorannoo gaggeessinedha. Adaafi duudhaa hawaasa kanaa immoo seera qabeessaan qoratee akka dhiyeessu itti gaafatamummaa kan qabu dhaloota bakka bu‟u ta‟uu isaa qorataan kun kallattii kaa‟a.