Dheeressaa, Dinqeessaa (PhD)Abarraa, Baayisaa2020-11-102023-11-302020-11-102023-11-302019-08http://etd.aau.edu.et/handle/123456789/23125Kaayyoon gooroo qorannoo kana Firoommii qormaata moodeelaafi qormaata biyyooleessaa bara 2009fi qabiyyee kitaaba barataa Afaan Oromoo kutaa 7fi 8xiinxaluudha.Kanaaf meeshaaleen ragaan ittiin sassaabame sakatta’insa sanadaafi afgaaffii yoota’u, ragaa kanneeniin sassaabame qaacceessuuf malli makaa( hammamtaafi akkamtaan) faayidaa irra oolanii jiru.Ragaalee ammamtaa gabateen dhiyeessuun dhibbeentaafi lakkoofsaan tarreeffamanii jiru.Bu’aan qorannoo ragaalee irraa argame akka ibsuutti bara 2009 qormaata moodeelaafi qormaata biyyooleessaa dhiyaatan firoommii qabiyyee kitaabaa wajjiin qaban yemmu ilaallu qormaanni moodeelaafi qormaanni biyyooleessaa qabiyyee kitaaba barataa kutaa7fi 8 wajjin firoommiin isaa,walgitiinsaa qabiyyeefi bakka bu’ummaa qabiyyee kan qabu miti. Qormaata biyyooleessaafi moodeelaa irratti garuu sadarkaan isaanii gama uffisaan seerlugni tokkoffaa, afoolli lammaffaafi hiikni jechoota kan itti aanudha.Karaabiraatiin, qabiyyee dandeettiiwwan afaanii (dubbachuu, dhaggeefachuufi barreessuun) kitaaba barataa irratti uwwisni kankennameef yoo ta’u, qormaata moodeelaafi biyyooleessaa keessatti haammachiifamanii hindhiyaatiin hafanii jiru.Kanaafuu,qormaanni moodeelaafi biyyooleessaa qabiyyee kitaaba barataa wajjiin firoommii qabiyyee hinqabu. Akka yaada furmaataatti qorataan akka lafa kaa’etti qabiyyeewwan kitaaba barataa irratti xiyyeeffannoo olaanaa qaban baay’inni gaaffiiwwan qormaata moodeelaafi biyyooleessaa irratti bahaniin firoomuu akka qabaniifi qabiyyeewwan dandeettii afaanii (dubbachuu, dhaggeeffachuufi barreessuu) hojiirra oolchuuf rakkisa ta’us, qophaatti barataaf dhiyaachuun qabxii qormaata moodeelaafi biyyooleessaa irratti ida’amuun osoo kaahamee.om-ETOromo LanguageFiroommii Qabiyyee Qormaata Moodeelaafi Biyyooleessaa Kutaa 8ffaa Bara 2009fi Kitaaba Barataa Afaan Oromoo Kutaa 7fi 8Thesis