Dassaalany, Dastaa (PhD)Alamuu, Immabeet2019-04-192023-11-302019-04-192023-11-302017-08http://etd.aau.edu.et/handle/123456789/18071Kayyoon qorannoo kanaa faaruu qaammee funaanuun qaaccessuu dha.Malli qorannichaa mala qulqulla’inaa (qualitative) yoo ta’u tooftaaleen iddatteessuudarbaa dabarsaa fi akkayyatti fayyadameera. Malli funaansi ragaalee qorannichaaf hojjii irra oolan afgaaffifi daawwannaadha. Ragaaleen maloota kanaan walitti qabaman ammo tooftaa qorannoo ibsaa fayyadamuun qaacceffaman.Adeemsa kana hordofuun faaruun qaammee yemmuu qaacceffamu dhimmoonni adda addaa illee achi keessatti akka ka’an bira gahameera.Faaruu qaammee irratti kan hirmaatan shamarran hinheerumin qofa akka ta’an,faaruun qaammee uummata Oromoo biratti yeroo isaa eegee waggaatti si’a tokko kan faarfamu ta’uu isaa haadholeefi shamarran odeeffannoo laatan ibsanii jiru.Shamarreen mootii taatu kan faaruu sirritti beektufi umuriidhanis ijoollee biroorra kan bilchaatte. Faaruu qaammee kana keessatti dubbii qolaa kanneen akka akkasaa,nameessa,ukukkubeefi kanneen kana fakkaatan akka fayyadaman shamarran yommuu faaruu qaammee faarfatan qunnii qabatanii akka deemaniifi faaruu kana yeroo ammaa akka duritti farfachaa akka hinjirre hubatameera.Haata’umalee osoo afoolli hawwisiisaaf bashananiinsaan kun akka hin banneef hunduu gahee isaa bahee gaarii ta’a.om-ETQaaccessa Faaruu Qaammee Godiina Shawaa Bahaa Aanaa GimbichuuThesis