Addunyaa BarkeessaaMagarsaa Galaanoo2024-02-152024-02-152021-01https://etd.aau.edu.et/handle/123456789/1806Qorannoon kun Fayyadama Afaanii kitaaba faaruu kan Amantii “Ortodoksi Tawaahidoo lakkoofsa 2ffaa” irratti gaggeessame. Kaayyoon gooroo qorannichaas fayyadama Afaanii faaruu kitaaba amantii Ortodoksi Tawaahidoo Lakk. 2ffaa keessaa xiinxaluudha. Faarichi Afaan Oromootiin barreefamuunsaa dagaagina hogbarruu afaanichaaf gumaacha qabaatullee hangan hubadhetti haala fayyadama afaanii irratti fuulleffatamee hojiin dalagame hinjiru. Kanumaan faarsaa amantii Manni Amantii Ortoodoksii “ kitaaba faaruu Ortodoksi Tawaahidoo lakkoofsa 2ffaa”, fayyadama Afaanii keessatti haala kamiin dhimmi itti bahame kan jedhu baruuf madda odeeffannoo tokkoffaa kitaaba faaruu “ortodoksi tawaahidoo lakkoofsa 2ffaa” iddattoo qorannichaa bifa kaayyootti yoo ta’u, faarsaawwan 302 keessaa faarsaan 20 mala iddatteessuu miti carraatiin foo’amaniiru. Meeshaa funaansa odeeffannoo sakkata’a dookimantiitti dhimmi bahameera. Faarsaa amantii kitaaba kana keesssa jiran mala akkamtaatti gargaaramuun saxaxa ibsaa fayyadamuun qaaccessuun kaa’amaniiru., unkaafi fayyadama afaanii as keessatti hammatame irratti hundaa’uun xiinxaalun ni danda’ama. Inni kun kallattii dagaaginafi guddina afaani Oromoo amma irratti argamu faana tarkaanfachuu waan ta’eef fuulleffannoo itti laachun murteessadha. Haala qindaa’inaafi fayyadama afaanii aadaafi dudhaahawaasichaahordofuun, walsimsiisuun ni hafa. Dabalataaniis waltina afaanif fulduratti kan naannolee biroollee itti ida’uun kallattii inni dagaagina afaanichaa cimsuu danda’un otoo walitti dabalamee mijataa ta’a.orFayyadama Afaanii Faaruu Amantii Keessatti Kitaaba “Ortodoksi Tawaahidoo Lakkoofsa 2FFAA”Thesis